Your cart is currently empty!
Hospitaalli Waliigalaa Dadar, tajaajila fayyaa saffisaa qulqullina qabu ummataaf dhiheessuf, dhiheessii meeshaalee bu’uuraa raawwachiisuuf dorgommii dhiheesseera.
Addis Zemen(Oct 20, 2025)
ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ። Please read the detailed instructions below.
Beeksisa Caalbaasii
Hospitaalli Waliigalaa Dadar, tajaajila fayyaa saffisaa qulqullina qabu ummataaf dhiheessuf, dhiheessii meeshaalee bu’uuraa raawwachiisuuf dorgommii dhiheesseera.
Dorgomtootni caalbaasii beeksisa kana irraatti hundaa’uun:-Waldaaleen IMX (Interpiranyizii Maayikiroo Xixiqqaa), qaamoleen dhuunfaa, akkasumas daldaltoonni meeshaaleedhiheessuu dandeettan, dorgommii kana irratti akka hirmaattan affeeramtanii jirtu. Meeshaalee dhiheessuu barbaadaman Keessaa muraasa:
1. Uffata hojii fi uffata seeraa hojjettootaa
2. Meeshaalee baruu, barnootaa fi maxxansaa
3. Meeshaalee qulqullinaa
4. Meeshalee dhumoo biiroo
5. Meeshaalee elektirooniksii
6. Meeshaalee suphaa konkolaataa fi Gommaa konkolaataa
7. Meeshaalee suphaa manaa
8. Meeshaalee dhaabbii
Dorgommii fi Ragaalee Dhiyaachuu Qaban:
1. Hayyama daldalaa haaromsamee fi seera qabeessa ta’e kan bara 2018 (EC) dhiheessuu qabu.
2. Waraqaa ragaa qulqullina gibiraa bara 2017 (ragaa Waajjira Galii irraa) dhiheeffachuu qabu.
3. Ragaa muuxannoo hojii dhiheessuu (Experience Certificate) dhiheeffachuu qabu.
4. Ragaa gahumsa meeshaalee dhiheessan irraa maddan ilaalchisuun dhiyeessuu.
5. Galmee VAT fi footoo-koppii ragaa sanaa dhiheessuu.
6. Ragaa seerummaa fi galmee mana hojii isaanii irraa footoo-koppii dhiheessuu.
7. Meeshaaleen dhiyaatan bu’uuraa fi sadarkaa Hospitaalaaf mijataa ta’uu mirkaneessuu
8. Ragaalee daldalaa fi faayinaansii kophaa kophaatti dhiheessuu.
9. Sanada caalbaasii qar. 500 (dhibbaa shan) maallaqa hin deebine kaffaluudhaan adeemsa hojii bittaa bulchiinsa faayinaansii fi qabeenya Hospitaala Waligalaa Dadar irraa bitachuu
10. Sanada caalbaasii guyyaa beeksisni kun qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 10/2/2018 irraa eegalee hangaa 25/2/2018 guyyoota hojii 15f qilleensa irraa tura.
11. Sanadnii caalbaasii gaafa guyyaa 26/2/2018 saanduqa seeraa kan sanada caalbaasiif qophaa’ée ragaa keessan Orjinaalaafi Koppii erga galchiitanii booda sanada caalbaasii guyyuma kana kan saamsamuu ta’a. 17/2/2018 Sa’aatii 11:30 tti Sanadni caalbaasii Gaafaa 26/2/2018 Adeemsa Bittaafi Bulchiinsa Faaynaansii Hospitaalaa Waliigalaa Dadaritti bakka dorgomtootni jiraanitti ykn bakka bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an argamanitti kan banamu ta’a.
12. Mo’ataan dorgommii, guyyaa 5 keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba. Yoo didan mo’aatummaa ni dhabu.
13. Akkasuma namoonni komii qabu guyyaa 5 keessatti dhiheeffachuu qabu. Yoo guyyaa kana keessatti dhiheeffachuu dhaban sana booda fudhatama hin qabu.
14. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasiif ykn CPO qar.50,000 (kuma shantama) checkii baankii siinqee irraa mirkanaa’e dhiyeessuu dirqama qabu.
Hubachiisa
- Sanadni bitame gonkumaa hin jijjiiramu.
- Ragaa bakka bu’ummaa seera qabeessa ta’e waliin dhiyaachuu qaba.
- Hospitaalli filannoo biro yoo argate dorgommii guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquu mirga qaba.
- Odeeffannoo Dabalataaf: Lakkoofsa Bilbilaa: 0925120520/0915086731
Hospitaala Waliigalaa Dadar