Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti Manni Qopheessaa Magaalaa Oolaancitii bara baajata 2018meeshaa dhaabbii Biiroo keessaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Jan 29, 2026)

Beeksisa caalbaasii meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti Manni Qopheessaa Magaalaa Oolaancitii bara baajata 2018meeshaa dhaabbii Biiroo keessaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaaf ulaagaalee caalbaasii armaan gadii qaamni guutuu danda’u dorgommiirratti hirmaachuu ni danda’a.

Ulaagaalee barbaachisoo

1. Dorgomtoonni hayyama daldalaa kan bara 2018 kan haaromseefi gibira bara kanaa kan kaffale ta’uu qaba

2. Dorgomtoonni lakkoofsa kanfalaa gibiraa (tiin) fi VAT dhiyeessuu kan danda’u.

3. Xalayaa qulqullummaa gibira kanfaluu isaa ibsu dhiyyeessuu qaba.

4. Dorgomtonni kabachiisa caalbaasii (CPO) qarshii 50,000 (kuma Shantama) Baankii irraa Mana Qopheessaa Magaalaa Oolaancitiif kan barreeffame qabsiisuun sanada teeknikaa orginalaa waliin dhiyeessuu qaba.

5. Dorgomtoonni sanada ittiin dorgoman teeknikaafi financial orginal fi koppii isaa saamsamsuudhaan dhiyeessuu qabu. Dokumantiin dhiyaachuu qabanis sanada teeknikaalaa orginaala tokkoofi koppii tokko akkasumas sanada financial orginaala tokkoo fi koppii tokko dhiyeessuun dhumarratti poostaa haadhoo tokkoon saamsamee dhiyaachuu qaba. CPO sanada teeknikaalaafi orginaalaa wajjin dhiyaachuu qaba.

6. Maqaan dorgomaa, maqaa abbaa caalbasiichaa, maqaa meeshichaa, mallattoofi chaappaa dorgomaa, teessoo dorgomaafi maqaa abbaa caalbaasichaa poostaa gubbatti ifatti barreefamuu qaba.

7. Sanada dorgommiif dhiyaatu hundaa irratti maqaa dura taa’aa dhaabbatichaafi mallattoo isaa akkasumas chaappaa dhaabbatichaa ifatti irratti argamuu qaba.

8. Sanadicha irratti haqamaafi laaqamaan jiraachuu hin qabu.

9. Gatii meeshaa dhaabbii biiroo keessaa kuni sanada irratti ibsamanii VAT waliin guutamuu qaba.

10. Dorgomaan mo’ate meeshaa dhaabbii biiroo keessaa dhiyeessuu, hojii geejibaa akkasumas meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa Magaalaa Oolancitii fiduun baasiiwwaan kaan walqabatee ofii isaanitiin uwwisuu danda’uu qaba.

11. Dorgamtoonni sanada caalbaasichaa Aanaa Boosat Mana Qoopheessa Magaalaa Oolancitii irraa qarshii kaffaluun bitachuu ni danda’u.

12. Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun bahe irra eegalee guyyoota 15 qilleessarra erga oolee booda guyyaa 16ffaa bakka dorgoman ykn bakka bu’aan seera qabeessaafi koreen bittaa argamanittii sa’atii 5:00 cufamee guyyuma san sa’aatii 8:00 irratti kan banamu ta’a.

Hub:-Waajjirichi filannoo fooyya’aa biroo yoo argate caalbasichaa walakkaan ykn guutumaa guututti haquuf mirgi isaa kan eegamedha. Odeeffannoo dabalataaf: 0221130066

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti Manni Qopheessaa Magaalaa Oolaancitii


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *