Your cart is currently empty!
Mana Murtii Aanaa Alaltuu Konkolaataa gurguruu barbadaa
Kallacha Oromiyaa(Jan 29, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
R/himattoota Heenok Taaddasaa’faa N-2 fi R himatamaan Biiniyaam Geetahuun gidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee Konkolaataa Minibaasii lakk. Gabatee 3-42474 OR lakk. Shaansii LH172-0001933 ta’e, lakk. Motoraa 5L-4630056 ta’e ka’uumsa caalbaasii qarshii 528, 703.84 (kuma dhibba afur fi kuma digdamii saddeet fi dhibba torbaaf sadii fi saantima 84/2) ta’een beeksifni kun bahee hanga gaafa guyyaa 21/06/2018’tti qilleensarra turee gaafa guyyaa 24/06/2018 sa’aatii 2:30 irraa eegalee hanga sa’aatii 6:30’tti Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti caalbaasii ifa ta’een waan gaggeeffamuuf namoonni bitachuuf fedha qabdan bakkaafi yeroo jedhametti argamuun kan bitattan ta’uu ibsaa bu’aan isaa gaafa guyyaa 26/06/2018 sa’aatii 4:00 irratti akka dhiyaatu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Aanaa Alaltuu.