Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa baajajii gurguruu barbadaa


Kallacha Oromiyaa(Jan 29, 2026)

Beeksisa caalbaasii

Murtii Abbaa Mirgaa Dhaabbata Maayikiroo Faayinaansii PIIS Damee Adaamaa/PAESE MFISS.CO fi Murtii Abbaa Idaa Obbo Zalaalam Kabbadaa jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee baajajii lakk.gabatee OR-01-A22960 ta’e,maqaa raawwii himatamaatiin galmaa’ee jiru,ka’umsa caalbaasii qarshii 146,880n gaafa guyyaa 08/06/2018 sa’atii 3:00-6:00tti caalbaasii ifaan waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO baankiitti qabsiisuun bakka baajajiin kun dhaabbatee jiru Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Dambalaa keessatti qaamaan argamuudhaan dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa

 


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *