Waajjirri Fayyaa Go/Ho/Gu/Wallaggaa Pirojektii Hojii Ijaarsa Baankii Dhiigaa Magaalaa Shaambuu Hojjechiisuuf baajata bara 2018 keessa ramadameen caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyama seera qabeessa ta’e qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada – test3.diretenders.com

Waajjirri Fayyaa Go/Ho/Gu/Wallaggaa Pirojektii Hojii Ijaarsa Baankii Dhiigaa Magaalaa Shaambuu Hojjechiisuuf baajata bara 2018 keessa ramadameen caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyama seera qabeessa ta’e qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada


Addis Zemen (Apr 08, 2026)

BEEKSISA WAAMICHA CAALBAASII IFAA

Waajjirri Fayyaa Go/Ho/Gu/Wallaggaa Pirojektii Hojii Ijaarsa Baankii Dhiigaa Magaalaa Shaambuu Hojjechiisuuf baajata bara 2018 keessa ramadameen caalbaasii ifaa baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyama seera qabeessa ta’e qaban dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.

Kanaafuu: –

1. Dorgomtoonni fedhii qabanii fi ragaalee armaan gadii fi kan sanada caalbaasii keessatti eeraman hunda dhiyeessuu danda’an affeeree jira.

i. Dorgomtoonni ragaa gahumsaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa (Category) GC-5/BC-4 fi isaa ol ta’ee fi kan bara baajataa 2018’f haarom fame.

ii. Ragaa VAT fi TIN kaffalaa gibiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwaniin kenname kan dhiyeeffachuu danda’u.

iii. Ragaa Qulqulleessuu Taaksii/Tax clearance certificate/ gibiraa bara 2017 A.L.I kaffalanii, caalbaasii bara baajataa 2018 A.L.I irratti hirmaachuu danda’uu isaaniif xalayaa Abbaa Taayitaa Galiiwwan Biyya keessaa irraa kan kenname kan dhiyeeffachuu danda’u.

iv. Ragaa Dhiyyeessummaa Ejensii Bittaa Mootummaa fi Bulchiinsa Qabeenya Itoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAA)/ tarree dhiyeessitootaa irratti galmaa’uu (Suppliers list) kan dhiyeeffachuu danda’u.

2. Caalbaasiin hojimaata Caalbaasii Dorgommii Biyyaalessaa /National Competitive Bidding (NCB)tiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada caalbaasii irratti ibsamee fi ibsameen ta’a.

3. Hirmaattonni caalbaasii wabummaa kabachiisa caalbaasii (Bid Security) turtiin yeroo isaa guyyoota 28 seera qabeessummaa boodaa dabalatee (including 28 days beyond validity period) guyyoota 118’f turuu danda’u kan qarshii 500,000/qarshii kuma dhibba shan/bifa CPOtiin ykn wabii baankiinmirkaneeffame/Bank guarantee) sanada teeknikaa isaanii haadhoo waliin maqaa mana hojii keenyaatiin walqabsiisuun dhiyeeffachuu qabu. Hirmaataan caalbaasii mo’ate gatii waliigalaa keessaa perfoormaansii boondii 10% qabsiisuudhaan mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda’u ta’uu qaba.

4. Dorgomtoonni ulaagaa guutanii fi fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuu fi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta’e dabalatee, Waajjira Galii Go/Ho/Gu/Wallaggaa darbii lakkoofsa_ (Room No. tti dhiyaachuun sa’aatii hojii Mootummaatti Qar. 2,000.00 (Kuma Lama) kan hin deehine kaffaluun bitachuu ni danda’u.Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromootiin qophaa’an dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa heeksisi bahe irraa eegalee hanga guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda’a.

5. Dhaabbanni caalbaasii hirmaatu, Magaalaa Shaambuutti argamuudhaan, daawwii dirree hojichaa (site visit) gochuu isaaf waraqaa ragaa daawwannaa mana hojichaa irraa fudhachuu isaaf xalayaa kana sanada teeknikaa keessatti saamsuudhaan dhiyeessuu qaba.

6. Sanada dokumentii teeknikaa Envelopii maqaadhaan saamsamee akkasumas chaappaa seera qabeessaa dhaabbatichaa fi mallattoo itti gochuun (haadhoo tokkoo fi teekinikaala koppii tokkoo fi koppii lama) qofaa qofaatti saamsuudhaan sadan immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuudhaan sanada teekinikaa jechuudhaan barreessuudhaan galchuu qaba. Sanada maallaqa dhiyeessii gatii isaanii envelooppii maqaadhaan saamsamee akkasuma chaappaa seera qabeessa dhaabbatichaa fi mallattoo itti galchuudhaan (faayinanshiyaalii, haadhoo tokkoo fi faayinanshiyaalii koppii tokkoffaa koppii lammaffaa) qofaa qofaatti saamsuudhaan sadan immoo bakka tokkotti poostaa tokko keessatti galchuun sanada faayinaanshiyaalaa jechuudhaan galchuu qaba. Wabiin kabachiisa caalbaasii envelooppii alaa biraa keessa kaa’amee, bifa fudhatama qabuun dokimentii haadhoo teekinika keessatti poostaa mataa isaatiin saamsamuun dhiyaachuu qaba. Dhuma irrattis poostaawwan faayinanshiyaalii fi tekinikaa lama bakka tokkotti poostaa guddaa tokkootiin saamsamee sanduuqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaatiin qophaa’e keessatti galchuu qabu.

7. Caalbaasiin guyyaa beeksisni Gaazexaa irratti bahe irraa kaasee guyyaa hojii digdamii tokko (21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22ffaa(Digdamii lammaffaa) Waaree Dura sa’aatii 3:30 L.T irratti cufaamee, sa’aatii 4:00 L.T irratti-ifatti ni banama. Haa ta’u malee guyyaan 22ffaan (Digdamii Lammaffaan) guyyaa hojii yoo ta’uu baate, guyyaa hojii mootummaa itti aanutti sa’aatii wal fakkaataatti cufamee akka banamu ni ta’a. Caalbaasiin hundi wabii kabachiisa caalbaasii ibsame waliin ta’uu qaba. Sanada yaada dorgommii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bidders will be rejected). Sanada Yaada dorgommii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Godina Ho/Gu/Wallaggaa Kutaa A/adeemsa Bittaa darbii 1ffaa Lakk. (Room No. )tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seera qabeessaa argamanitti ifatti ni banama.

8. Madaalliin sadarkaa lamaan gaggeeffama.

9. Odeeffannoo Ulaagaa Duraa (Qualification Information first) fi Caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsa (Financial Bids of Qualified bidders next) qaban itti aansuun kan raawwatamu ta’a. Sanadni caalbaasii Faayinaansii dorgomtoota gahumsa qaban madaalliin sanada caalbaasii Teeknikaa erga xumuramee booda guyyaa Koreen Teekinikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajajila Gorsa ibsamuu qabutti teessoo armaan olitti kennameen ni banama; sanadni caalbaasii Faayinaansii Dorgomtoota Ulaagaa hin guunnee hin banamu.

10. Waajjirichi caalbaasii bahe kana guutummaa guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf: Bilbila: 0910 574 819

Waajjira Fayyaa Go/Ho/Gu/Wallaggaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *