Addis Zemen (Apr 11, 2026)
Beeksisa Caalbaasil Marsaa Tokkooffaa
Lakkoofsa Addaa Bittaa:-W/Dhi/G/U/17
Ulaagaa Dorgomtootaa
Godina Arsii Aanaa Suudee Waajjira Dhimmoota Gurma’insa Ummataa Aanaa Suudee Baajata bara 2018 qabateen pirojektiii Ijaarsa Istaadiyomii Beeksisa Marsaa Iffaa baasuun hojjachisuu
waan barbaaduuf Dhaabbata Hojii Ijaarsa Waliigalaa Sadarkaa sadi fi isa ol (GC-3 and above) fi dhaabbata hojii ljaarsa Gamoo Sadarkaa sadi fi isa ol (BC-3 and above) wal dorgomsiisee hojjisiisuu barbaadaa, Kanaaf dhaabbanni ulaagaalee armaan gadii guuttan Kanafuu,
- Dhaabbata Bittaa ljaarsaa waliigalaa Sadarka sadi fi isa ol (GC-3 and above) fi Ijaarsa Gamoo sadi fi isa ol (BC-3 and above) gaafatameef heeyyama ijaarsaa irratti bobba’aniif “ragaa heeyyama hojii Ijaarsaa haaromsiifame”, “ragaa kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT)”, “lakk. Kaffalaa gibiraa (TIN)”, “waraqaa raga dhiyeessummaa”(supplier list). Heeyyama daldalaa haaroomfame, fi ragaa walitti bu’iinsa faaydaa hin malle dhiyeefachuu qaba.
- Dabalataan Dorgomtoonni xalayaa gibira (ashuura) baraa xumuranii kafaluu isaanii akkasumas, xalayaa caalbaasii kana irratti hirmaachuu isaan dandeessisu magaa abbaa pirojektii fi Maqaa pirojektii irratti dorgomanii ibsu Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii sadarkaan jiru (qaama gibira sassaabu) irraa dhiyeeffachuu qaba.
- Dorgomaan fedha qabu Sanadin caalbaasi argachuu kan danda’u (gurgurtaan) Waajjira Maallaqaa Aanaa Suudee Adeemsa Bittaa fi Qabeenyaa qarshii hin deebine Kuma Tokkoo (1000) maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Suudeetiin Baankii Siingee lakk. Herregaa 1055441111212 galii gochuun sanada caalbasii argachuun ni danda’ama.
- Guyyaan gurgurtaa sanadaa caalbasii kan eegalu guyyaa caal-baasiin kun qilleensa irra oolee eegalee guyyaa soddma (30) guyyaa hojii mootummaa kan gurguramu yoo ta’u, sanada yaada dorgommii (SYD) hanga guyyaa hojii itti aanu gaafa guyyaa soddomii tokkoo (31) sa’ati 4:00 LI Saanduqa caalbaasichaaf qophaa’eetti galchuun, guyyama kana sa’aa 4:30 LI dorgomtoonni ykn. Bakka bu’oonni seeraa iddoo argamanitti Galma/ Waajjira Itti/ /Aanaa Bulchaa Iddoo koreen RaggasistuuAanaa jirutti kan banamu ta’a. guyyaan soddomii tokkoo sambata ykn Ayyaana yoo ta’e sanadni kan banamu guyyaa hojii mootummaa guyyaa itti Aanu ta’a.
- Dorgomaan kamiyyuu xalayaa kabachiisa caalbaasii akka wabummaatti gargaaru Wabii baankii haala irratti hin hundoofnee CPO Qarshii kuma dhibba torba fi shantam (750,000) dhiyyeeffachuu kan danda’u, xalayicha immoo ragaa orijinaali teekinikaa keessatti poostaan hapheessuun dhiyeesuu qaba.
- Ragaan teekinikaa orijinaala tokkoo fi waraabbii lamaan qophaa’e poostaan kophaa kophaatti erga qophaa’e booda postaa haadhoon bakka tokkotti postaa hundarrattu maqaa fi Mallattoo bakka bu’aa dhaabbatichaz, Maqaa dhaabbatichaa, Teessoo dhaabbataa fi chaappaa dhaabbatichaatiin rukutamee saamsamee bifa ifa ta’een orijinaali irratti” orijinala” kan jedhuu fi waraabbii irratti “waraabbii 1ffaa fi 2ffaa” kan jedhu ta’u qaba akkasumas maqaa abbaa pirojektichaa.teessoo abbaa pirojektii, maqaa sirrii pirojektii irratti dorgomuu seeran barreessu qaba.
- Ragaan Faayinaanshaalaa orjinaala tokkoo fi waraabbii lamaan qophaa’ee poostaan qophaa qophatti qophaa’ee booda poostaa guddaan qophaa’ee fi sanadini teeknikaa poostaa guddaan qophaa’ee dhuma irratti akkuma qophaayeetti adda addaan dhihaata.
- Dorgomtoonni qabxii waligalaa % 100 keessaa 70 fi isaa ol yoo fidee gara faayinaanshalatii kan darbu yoo ta’u dhaabanni %70 gad-deebise kufaa ta’a.
- Tokko tokkoo fuula Sanada yaada dorgommii irratti mallattoo bakka bu’aa dhaabbataa fi chaappaa waldichaa hin qabne fudhatama hin qabu.
- Dorgomtoonni caalbaasicha erga banamee booda, yaada dorgommii dhiyeessa irratti fooyya’iinsa sanada caalbaasii dhiyeessuu fi caalbaasiin ala of gochuu hin qaban
- Dorgomtoonni Poostaawwan Sanada yaada dorgommii dhiycessan kamuu irratti akcekkachiisa barreessuu qabu.
- Dhaabbanni Caalbaasii kanarratti dorgomuu danda’an dhaabbata ijaarsa waliigalaa (GC-3 and above fi Dhaabbata Ijaarsa Gamoo (BC-3 and above) Biyya keenyaa qofaaf ta’a.
- Waajjirichi saanduqaa caalbaasii erga cufameen booda, dorgomtoota caalbaasiif dhufan keessummeessuu hin danda’u.
- Waajjirichi caalbaasii kana gar-tokkeedhan ykn guutuman guututti haquuf mirga guutu qaba.
Odeeffannoo Dabalataaf lakk. Bilbilaa 0913474348/0910742397
Godina Arsii Aanaa Suudee Waajjira Dhimmoota Gurma’insa Ummataa Aanaa Suudee