Naannoo Oromiyaatti Waajjiira Maallaqaa Godina Har/Lixaatti, Waajjira Manni Sirreessaa Godina Har/Lixaa, sirreeffamtoota seeraa isa jalaa bulchuuf gaafa 04/10/2018 irraa eegalee ji’a 6f kan turu nyaata bilchaataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee dhiyeessisuu barbaada. – test3.diretenders.com

Naannoo Oromiyaatti Waajjiira Maallaqaa Godina Har/Lixaatti, Waajjira Manni Sirreessaa Godina Har/Lixaa, sirreeffamtoota seeraa isa jalaa bulchuuf gaafa 04/10/2018 irraa eegalee ji’a 6f kan turu nyaata bilchaataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee dhiyeessisuu barbaada.


BARRIISAA (May 10, 2026)

Beeksisa Caalbassii 

Naannoo Oromiyaatti Waajjiira Maallaqaa Godina Har/Lixaatti, Waajjira Manni Sirreessaa Godina Har/Lixaa, sirreeffamtoota seeraa isa jalaa bulchuuf gaafa 04/10/2018 irraa eegalee ji’a 6f kan turu nyaata bilchaataa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee dhiyeessisuu barbaada.

Kanaafuu, dhaabbattoonni ulaagaa armaan gadittii tarreeffaman guuttan akka dorgomtan affeerramtanii jirtu.

  1. Nyaata bilchaataa guyyaatti sir/seeraa tokkoof qarshii 40.60/ Afurtamaa fi saantima 60/100/ eeyyamamee jiru irraa /Ciree, Laaqanaafi Irbaataa/dhiyeessuuf qulqullinaan dhiyeessuufi hayyama daldalaa kan haaromeefi gibira waggaa kan kaffale ta’uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda’u.
  2. Dorgomaan facaatii dhiyeessitootaa keessaatti galmaa’uu isaanii ragaa dhiyeessuu kan danda’an, dorgomtoonni kaffalaa gibiraatiin/ TIN/ fi taaksii dabalataa (VAT) galmaa’aa ta’uu isaa ragaa dhiyeessuu qabu. Kabachiisa caalbaasii Qarshii 20,000.00 CPOn baankii seera qabeessaa mirkanaa’e Caalbaasiin osoo hin banamin qabsisuu qaban.
  3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii maallaqa hin deebine qarshii 100.00, Abbaa Taayitaa Galiiwwan galii gochuudhaan sanada caalbaasii Waajjiira Maallaqaa Godinas Har/Lixaa irraa biituun nidandaáma.
  4. Caalbaasiin guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee hanga guyyaa 15ffaa kanatti sa’aatii 4:00tti dorgomtootaaf banaadha. Caalbaasiin guyyaa qilleensa irra oole irraa kaasee guyyoota walitti aanaan 15f banaa ta’a.
  5. Dorgomtoonni sanadaa caalbaasii irratti gatii tokkoo guutanii gaafa beeksifni kun qilleensa irra oole irraa eegalee saanduqa dhimma kanaaf qophaa’e darbii 2 kutaa lakkoofsa 8 keessa galchuu qaba. Saanduqni hanga guyyaa 15ffaa sa’aatii 4:00tti banaadha. Caalbaasiin guyyuma sanatti sa’aatii 4:00tti cufamee sa’aatii 4:30tti dorgoomtoota ykn bakka bu’aan isaanii bakka argamanitti nibanama. Guyyoota walitti aanaan 15f banaa ta’a. Dorgoomtoota ykn bakka bu’aan jiraachuu baannaanis nibanama. Guyyaan baniinsa caalbaasii hojii mootummaan  ala yoo ta’e guyyaa hojii itti aanu banama.
  6.  Mo’ataan (Dorgoman) Meeshaalee ittin dorgoman geejiba isaaniitiin hanga ciroo Waajjira Kutaa Qabeenyaatti galii gochuu qaba. Dorgomtoonni meeshaalee barbaadamu qulqullinaafi baay’ina barbaadameen guutumaan guutuutti galchuu qaba.
  7. Waldaaleen IMX dhiyeessa daldala nyaata bilchaataa irratti kan gurmaa’aniif ulaagaa guutan nijajjabeeffamu,
  8. Mana sirreessaa caalbaasi kana baase keessatti meeshaaleen dhiyaate qulqulliina kan hinqabne yoo ta’e daldalaan/ dorgomaan/ baasii isaatiin meeshaa jijjiiruu ykn maallaqa deebisuu qaba.

Waajjirichi yaada fooyya’eefi filatamaa yoo argate caalbaasii gar-tokkooniis ta’e gutummaatti haquuf mirga qaba.

Iddoon isaa Waajjira Maallaqaa G/H/Lixaa

Ciroo

Waajjira Maallane Godina Harargee Lixaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *