Kallacha Oromiyaa (May 07, 2026)
Beeksisa caalbaasii
R/himataan Obbo Mokonnin Jufaaree fi R/ himatamtoota Obbo Zinaabuu Bayyanaafi Aadde Zinnaash Qatsalaa jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana jireenyaa Sandaafaa Bakkee Ganda Bakkee keessatti ballina M² 500 irratti argamu, lakk.kaartaasaa 310/426/2003 ta’e,gatii ka’umsa caalbasii qarshii 2,500,000 ka’umsa godhachuun gatii olaanaa argametti gaafa 04/10/2018 sa’aatii 2:30 – 6:30tti caalbaasiin waan gurguramuuf namnoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uufi 25 % namni mo’ate battallumatti kan kaffalu ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Aanaa Barrak