Kallacha Oromiyaa (May 07, 2026)
Caalbaasii
R/Himattuun Bashii Lataa fi R/Himatamaan Addisuu Ximqatee jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee manni jireenyaa R/himatamaa kan ta’e Lakk.kaartaa isaa A250-261/2002 kan ta’e Magaalaa Qooqaa Baanaa Ejersaa keessatti argamu lafa bal’inni isaa KM 290 irratti qubatee jiru raawwii murtiitii dhoorkamee waan jiruuf bu’uruma kanaan caalbaasii ifa ta’een gurguramuuf waan ta’uuf ka’umsa caalbaasii qarshii 1,254,563.87tiin 25/09/2018 sa’aatii 3:00 gaafa 6:00tti kan gurguramu waan ta’eef namoonni bitachuu barbaaddan bakkichatti argamtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaa