Kallacha Oromiyaa (Jun 04, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
M/A/Mirgaa Aadde Muluunesh Salbaanaa fa’aa N-6 fi M/A/Idaa Aadde Wasanee Danbal Simaa fa’aa N-118 jidduu falmii himannaa raawwachiisa murtii jiru ilaalchisee mana daldalaa lafa kaaree 1350 irratti qubate qorqoorroo luukii 110 ofirraa qabu Magaalaa Maqii ganda Boolee keessatti argamu, gatii ka’umsa caalbaasii qarshii 2,048,000tiin gaafa 01/11/2018 sa’aatii 8:00 – 11:00tti caalbaasiin ifa ta’ee waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO orjinaala maqaa MMOG/Shawaa Bahaatiin hojjachiiftanii waraqaa eenyummaa (faayidaa) eenyummaa keessan ibsu qabattanii guyyaa, iddoofi sa’aatii ibsametti dhiyaattanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Maana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa.