Kallacha Oromiyaa (Jun 04, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
R/Himattuun Aadde Aadde Sintaayyoo Ballaxaafi R/ Himatamaa Obbo Darajjee Fedhesaafi Heenook Kabbadaa jidduu falmii jiru ilaalchisee mana jireenyaa qorqorroo luukii 30ofirraa qabu fi kutaa sadii qabu, Aanaa Koloboo Saayitii Gohaa Misooma Naannoo Itti Murtaa’e keessatti maqaa R/himatamaan galmaa’ee ballina M² 160 irratti argamu, gatii ka’umsa caalbaasii qarshii 463,000n gaafa 25/10/2018 sa’aatii 3:00 – 6:30 caalbaasii ifaan waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsa 1/4 CPO Baankii Siinqeetti qabsiisuun dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa G/ Gujee