Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dirree Sokorruu bara baajataa 2019 keessa Beeksisa Caalbaasii kiraa konkolaataa Sarviisii Pick Up double gabna koree Qindeessituu Aanaa Dirree Sokorruutiif oolu kan nama shan (5) baatu caalbaasiidhaan dorgomtoota ulaagaa guutan waliin dorgomsiisee kireeffachuu barbaada. – test3.diretenders.com

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dirree Sokorruu bara baajataa 2019 keessa Beeksisa Caalbaasii kiraa konkolaataa Sarviisii Pick Up double gabna koree Qindeessituu Aanaa Dirree Sokorruutiif oolu kan nama shan (5) baatu caalbaasiidhaan dorgomtoota ulaagaa guutan waliin dorgomsiisee kireeffachuu barbaada.


Addis Zemen (Jul 13, 2026)

Beeksisa

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dirree Sokorruu bara baajataa 2019 keessa Beeksisa Caalbaasii kiraa konkolaataa Sarviisii Pick Up double gabna koree Qindeessituu Aanaa Dirree Sokorruutiif oolu kan nama shan (5) baatu caalbaasiidhaan dorgomtoota ulaagaa guutan waliin dorgomsiisee kireeffachuu barbaada. Kanaafuu, dorgomtootni ulaagaalee armaan gaditti ibsaman guuttan dorgomuu ni dandeessu.

Ulaagaalee Barbaachisoo:

1. Heyyama abbaa qabeenyummaa ykn Libiree konkolaataa kan qabu ykn bakka bu’insa seera qabeessa kan qabuu fi ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda’u.

2. Heyyama daldalaa kan haaromsee fi gibira mootummaa bara 2018 kan kaffale.

3. Galmaa’aa Dabalata Qabeenyaa (VAT 15%) kan ta’ee fi ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda’u.

4. Galmaa’aa Kaffalaa Gibiraa (TIN) kan ta’ee fi ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda’u.

5. Heyyamni konkolaachisummaan isaa kan haara’e.

6. Jiraataa Itoophiyaa fi Lammii Itoophiyaa kan ta’e.

7. Konkolaataa humni fe’iinsa isaa nama 5 kan ta’ee fi Pick Up double gabna kan ta’e.

8. Konkolaachisaa ofii isaatiin qacaree kan qabu.

9. Boba’aan kan mootummaa kan ta’e.

10. Hojii mootummaa ji’a guutuu kan hojjatu.

11. Konkolaataan yoo rakkoo godhate ofii isaatiin serviisii ykn ofii isaatiin kan suphuu fi konkolaataa kan birootiin bakka kan buusu.

12. Adabbii bittaa mootummaa irraa kan hin dhorkamnef yoo dhorkame yeroo isaa kan fixeef ragaa dhiyeeffachuu kan danda’u.

13. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasiidhaaf qarshii 5000(kuma shan) CPO baankii daldalaa Itoophiyaa irraa hojjechiisee dhiyeessuu kan danda’u.

14. Dorgomaan erga moo’atee booda kabachiisa waliigaltee gatii ittiin moo’atee waliigala irraa 10% qabsiisuu kan danda’u.

15. Dorgomaan caalbaasii moo’atee dhiyaate waliigaltee mallateessuuf fedhii kan qabuu fi konkolaataa kireeffamu guyyaa 5 keessatti baasii mataa isaatin hanga waajjira Maallaqaa A/D/Sokorruutti dhiyeessuuf fedhii kan qabu.

16. Dorgomaan moo’ate konkolaataa qulqullina isaa kan eeggate dhiyeessuuf dirqama qaba.

17. Gatiin konkolaataa guutamuu kan qabu akkaataa sanadaa caalbaasii irra jiru yeroo ta’u gatiin guutamuu qabu VAT 15% dabalatee yookiin VAT 15% waliin ta’uu qaba dorgomaan VAT 15% malee jedhee yoo galche kan hin dorgomsiisne ta’uu beekuu qaba.

18. Dorgomaan kamiyyuu gatii guutame irratti hundaa’ee nan dorgoma yoo jedhe fudhatama hin qabu.

19. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti mallattoo, teessoo fi chaappaa itti gochuudhaan sanada teekinikaa orijinaala jechuun irratti barreessuun poostaa tokko qofaattii fi sanada gatii ykn faayinaansii orijinaala jechuun irratti barreessuu fi koppii kan gatii qofaatti irratti barreessuun poostaa lamaan (2) adda addaatti walii gala poostaa sadii iddoo tokkotti poostaa guddaa tokkoon samsamee sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa galchuu qaba.

20. Sanada caalbaasii gatii dorgomamuu irratti haqaa fi laaqa kan hin qabnee fi yoo qabaate fudhatama hin qabu akkasumas, gatiin guutamu kan dubbifamu ta’uu qaba.

21. Caalbaasiin kun gaafa guyyaa 06/11/2018 maxxanfamee irraa eegalee guyyoota hojii 15f (kudha shaniif) qilleensa irra turuun gaafa guyyaa 16ffaa (kudhaa jahaffaa) ganama sa’aatii 4:00tti cufamee guyyuma sana sa’aatii 4:30tti bakka abbaan dhimmaa ykn bakka bu’aan seera qabeessa ta’eetti ni banama.

22. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokeenis ta’ee guutummaan guututti haquuf mirga guutuu qaba.

23. Bakka sanadni itti argamu waajjira Galiiwwan Aanaa Dirree Sokorruu yeroo ta’u gatiin sanada tokkoo qarshii hin deebine 500(dhibba shan) lakk. herregaa Baankii Siinqee 1065057261219 Aanaa Dirree Sokorruutti (galii qofaaf) kan jedhu irratti galii gochuun nagahee baankii fiduun waajjira galiitti jijjiirrachuun sa’aatii hojii mootummaatti waajjira Galii A/D/ Sokorruutti sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu.
Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilb. 09 12 68 66 32/ 09 11 74 81 02

Waajjira Maallaqaa Aanaa Dirree Sokorruu


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *