Addis Zemen (Aug 18, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaatti Waajjirri Maallaqaa A/Xuulloo Baajata bara 2019 tajaajila meeshaa isteeshinarii, elektirooniksii fi farnichariif kan oolu caalbaasii ifaatiin dhiyeessitoota tajaajila kana jala jiran wal dorgomsiisee hanga waajjiraatti fichisiisuudhaan bituu barbaada.
Kanaafuu, dhiyeessitoota seera qabeessa tahanii caalbaasii kana irratti hirmaachuu barbaadaniif qajeelfama wal dorgommii armaan gadii guuttan akka wal dorgomtan affeeramtaniittu.
1. Hayyama seera qabeessa qabdanii fi gibira bara kaffaltanii hayyama keessan dhaleeffachuu dandeessan.
2. VAT kan galmaahee fi dhaleeffachuu kan danda’u.
3. TIN No kan qabuu fi dhaleeffachuu kan danda’u.
3. Sanada caalbaasii haqaa fi laaqa kan hin qabne.
4. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii (CPO) tilmaama gatii waliigalaa irraa 2% kan baankiidhaan mirkanaa’e, cheekiidhaan turtii ji’a sadii(3)kan qabu ykn qarshiidhaan 10000(kuma kudhan) sanada caalbaasii wajjin wal qabsiisee galchuu kan danda’u.
5. Dorgomtoonni hojii kana irratti hirmaattan sanada caalbaasii kana Qarshii 300 (dhibba sadii) waajjira galiitti kaffaluun fudhachuu ni danda’u.
6. Dorgomtoonni qajeelfama wal dorgommii armaan olitti ibsamee fi gatii wal dorgommii guutuudhaan sanada caalbaasichaa saamsuudhaan sanduuqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa’e keessatti guyyaa fi sa’aa jedhametti seensisuu qabu.
7. Caalbaasiin kan banamu beeksifni caalbaasii eega maxxanfamee guyyaa hojii 21ffaa booda guyyaa hojii hanga sa’aa 6:00-6:30 galchuudhaan sa’aa 8:00 irratti bakka dorgomtoonni jiranitti ni banama.
8. Waajjirri mala fooyya’aa yoo argate caalbaasicha guutummaa guututti ykn gar tokkeen haquuf mirgi isaa kan eegameedha.
Ibsa dabalataaf: 09 87 35 07 77/ 09 10 79 27 27
Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Xuulloo