Addis Zemen (Aug 18, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Bara 2019
Hospitaalli Waliigalaa Dadar meeshaalee ijaarsaa, qulqullinaa, barruu, gommaa konkolaataa maxxansaalee adda addaa ansoolaa siree kunbuulaa, uffata seeraa hojjettootaa fi meeshaalee dhaabbii akkaataa tarreeffameen baajata galii keessaa fi sanduuqa mootummaatiin caalbaasiidhaan wal dorgomsiisee bituu barbaada.
Kanaafuu, hirmaattonni caalbaasii ulaagaalee armaan gadii kan guuttate ta’uu qaba.
1. Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee dhihaatuuf hayyama daldalaa kan bara 2019 haaromfamee fi gibira bara 2018 kan kaffale ykn galmeeffame ragaa guutuu dhaleeffachuu kan danda’u.
2. Ade/Hoj/Bit/Bul/Faay fi Qabeenya Hospitaala Dadar irraa qarshii 500 (dhibba shan qofa) kan hin deebine kaffaluudhaan sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu.
3. Dorgomaan kamiyyuu qabeenyi isaa qarshii 100,000 olta’eef kaffalataa taaksii dabalata qabeenyaa ykn (VAT) ta’uu isaa waraqaa ragaa isaa dhiheessuu qaba.
4. Dorgomtoonni dorgomtan dookumantii caalbaasii irratti maqaa guutuu, teessoo lakk. bilbilaa, mallattoo fi sumudaan waldayaa ykn dhaabbata isaanii kaa’uudhaan dhiheessuufi tarreeffamni meeshaalee dhihaatu (specification) sirritti addaan baafamee dhihaatuu qaba.
5. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasiitiif CPO. Qarshii 30,000 (kuma soddoma) ykn cheekii qarshii kuma soddoma (30,000) mallattoo dhaabbata isaanii sirrii ta’e qabu poostaadhaan dabaluun kaasharii ol’aanaa hospitaalaa qabsiisuun modeela 85 fudhachuu qabu. Qarshiin kabachiisa caalbaasii kun dorgomtoota hin mo’atiniif guyyaa caalbasiin ifaatii addaan bahee booda guyyaa lammaffaa (2) kan deebi’uuf ta’a. Kanneen mo’ataniif immoo akkaataa waliigaltee keenyaatiin wantoota mo’ataan akkaataa gaafatamanii fi qulqullina gaafatamaniin yommuu galchanii fi yeroon turtii waliigaltee keenyaa erga xumurameen booda kan deebi’u ta’a.
6. Bahii geejjibaa danda’uudhaan hanga hospitaalaatti meeshaalee dhiheessuu kan danda’an ta’uu qaba.
7. Hirmaattonni dookumantii caalbaasii guyyaa 12/12/2018 hanga guyyaa 26/12/2018 sanada 00 caalbaasii bitachuu nidandeessu. Sanadni caalbaasii guyyaa 26/12/2018tti sanduuqa caalbaasii keessatti galchuun sa’aatii 11:30tti ni saamsamu.
8. Dookumantiin çaalbaasii guyyaa 27/12/2018 waaree dura sa’aa 4:00tti Hospitaala Waliigalaa Dadar adeemsa hojii bittaa bulchiinsa faaynaansii fi qabeenyaa keessatti iddoo waldorgomtoonni ykn bakka bu’aa isaanii kan waraqaa bakka bu’ummaa seera qabeessaa ta’an argamanitti ni banama.
9. Hospitaalli filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaan guututti haquu nidanda’a.
10. Meeshaaleen ajajaman kun akkaataa waliigaltee keenyaatiin kan hin dhihaanne taanaan qarshiin qabsiifame kun kan hin deebine ta’uu isin hubachiifna.
Hubachiisa:
- Hospitaalli filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaan guututti haquu nidanda’a.
- Sanadni caalbaasichaa kan qophaa’e Afaan Oromootiin ta’uu ibsina.
- Tarreeffamni meeshaalee dhihaatuu (specification) sirriitti addaan baafamee ibsamuu qaba.
- Wanti ifa hin ta’in yoo jiraate lakkoofsa bilbilaa 09 25 12 05 20/ 09 15 08 67 31 irratti bilbiluudhaan gaafachuun ni danda’ama.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Hospitaala Waliigalaa Dadar