Waajjirri Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu beeksisa caalbaasii ifaa bittaa meeshaalee fi uffata seeraa hojjettootaa kan bara baajataa 2019 baasee jira. – test3.diretenders.com

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu beeksisa caalbaasii ifaa bittaa meeshaalee fi uffata seeraa hojjettootaa kan bara baajataa 2019 baasee jira.


Addis Zemen (Sep 01, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk.01/2019

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu bara baajata 2019 keessatti seektaroota Aanaa Tulluu Diimtuu jala jiraniif:- Uffata seeraa hojjettoota mootummaa,

  • meeshaalee barreeffamaa,
  • meeshaalee qulqullinaa,
  • meeshaalee elektirooniksii
  • fi meeshaalee farnicharaa daldaltoota hayyama seera qabeessa qaban

waldorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaada. Haaluma kanaan daldaltootni/dhaabbileen daldalaa ulaagaa armaan gadii guuttan caalbaasii kana irratti akka hirmaattan affeeramtanii jirtu.

1. Hayyama daldalaa seera qabeessa kan qabanii fi gibira bara 2018 kan kaffalan xalayaa caalbaasii irratti hirmaachuu danda’an (Tax Clearance) Waajjira Galiiwwan Aanaa Tulluu Diimtuu irraa dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu qabu.

2. Galmaa’ota Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT), Galmee Kaffalaa Gibiraa (TIN Number) Waraqaa Galmee Ragaa Daldalaa kan qabaniif ragaa kan dhiyeeffachuu danda’an.

3. Galmee dhiyeessitoota keessatti kan galmaa’anii ragaa dhiyeeffachuu kan danda’anii fi bittaa isaa Qarshii 10,000 (kuma kudhan) ol ta’eef 3% (with holding) kaffaluuf fedhii kan qabu.

4. Waajjirichi akka barbaachisummaa isaatti meeshaalee bitu baay’ina hanga 20% dabalee ykn hir’isee kan bitu ta’uu isaa beekee kan dorgomu.e

5. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Waajjira Galiiwwan Aanaa Tulluu Diimtuu qarshii hin deebine 500.00 (dhibba shan) kaffaluun sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu irraa fudhachuu dandeessu.

6. Beeksifni kun guyyaa ba’ee irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti sa’aa hojii mootummaatti 2:30-6:30tti akkasumas sa’aa booda 7:30-11:30 ta’ee gaafa guyyaa hojii 15 Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu sanada caalbaasii dhiyeessa faayinaansii fi teekinika poostaa keessatti saamsuun orijinaalaa fi kooppii isaa poostaa gara garaa keessatti saamsuun ammas poostaa guddaa keessatti saamsuun saanduqa caalbaasii mana hojii keenyaan qophaa’e keessa galchuu qabdu.

7. Saanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta’ee turuun gaafuma guyyaa kanaa sa’aa 4:00 irratti cufamee guyyuma kana 4:30 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni sirna baniinsa caalbaasicha irratti hirmaatanii xalayaa bakka bu’iinsa seera qabessa ta’ee qabatanii argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuutti banama.

8. Dorgomtootni kabachiisa wabummaa caalbaasichaa Qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) sanada caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirkanaa’ee maqaa waajjirichaan qabsiisuu qaba, akkasumas dorgomaan moo’ate gosa meeshaa moo’ate irratti mana hojiichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa moo’ate irratti ida’ama waliigalaa keessaa dhibbantaa (%10) CPO qabsiisuu dirqama qaba.

9. Daldaltoota (bittaa sirna elektirooniksii) egp galmaa’an ni jajjabeessina.

10. Dorgomtootni caalbaasicha moo’atan hundi gosa meeshaa walii galtee raawwatan hundaa baasii mataa isaaniin Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuutti dhiyeessuun galii goochuu qabu.

11. Ragaan dhiyaatu kamuu haqaaf laaqama yoo qabaate fudhatama hin qabu.

12. Waajjirichi karaa fooyya’aa yoo argate caalbaasicha guutummaan guututti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.

Bakka itti argamu:-Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee

Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu

Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa:

0912828572/09-17-10-00-85

Wogiiira Maallagaa Shaggar Kutaa Magalaa Koyee Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Tulluu Diimtuu