Waajjirri Maallaqaa Aanaa Walisoo Manneen Hojii Mootummaa Aanicha keessatti argaamanif,meeshaalee Adaadaa bituu barbada. – test3.diretenders.com

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Walisoo Manneen Hojii Mootummaa Aanicha keessatti argaamanif,meeshaalee Adaadaa bituu barbada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa bahe Lakk-WMAW-CI-01-

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Walisoo Manneen Hojii Mootummaa Aanicha keessatti argaamanif, 1.Bittaa meeshaalee barreeffamaa, qulqulleessaa, meeshaalee dhumeeyyii, Gomma Konkolaataa fi Uffata Seeraa (Dambii) fi Bittaa Meeshaalee Eelektirooniksii fi Dhaabbii (Furniture) Aanaa Walisoo bara baajata 2019tiif caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada. Kannafuu, dorgomtootni caal-baasii irraattii hirmachuu barbaddaan bu’urrumaa armaan gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgommuu ni danda’u. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa seera qabeessa ta’e, Waraqaa dhiyyeessummaa Faayinaansii (supply registration list), ragaa VAT fi ragaa lakkofsa TN fottoo koppii isaa sanadaa caal-baasii Oriijiinaalaa walin dhiyyeesuu dirqamaa qabu.

1. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni kun Gaazexxaa Kallacha Oromiyaa irrattii qilleensaraa olee eegalee guyyota hojii 15/ kudha shan/ keessaattii yeroo hundaa sa’aati hojii mootummaatti maallaqaa hin deebine Qr. 500.00 (Dhibbaa Shan) Lootii dhaan Baankii Siinqee 1071340931213 irratti galii gochuun Wajjira Galii Aanaa Walisoo irraa nagahee murachuun Adeemsa Bittaa Bulchinsa Qabeenyaa waajjira Maallaqaa Aanaa Walisoo Lakkofsa 4 tti dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta’e deebisu ni danda’u.

2. Dorgomaan kaamiyyuu kabachisaa Caalbaasiif kan olu Qarshii 50,000.00 (Kuma Shantama) akka Lootii ka’ameetti maqaa waajjira Maallaqaa Aanaa Walisoo CPO Baankiidhaan mirkanaa’e, Unconditional Baankii Gaaraantii caalbaasii irraattii dorgommaan ibsudhaan xalayaa Orijiinaalaa sanada Orijiinaalaa caalbaasicha waliin dhiyeessuu dirqama qabu,

3. Dorgommaan kaamiyyuu Ragalee Oriijinaalaa yeroo gaafatamee dhiyyeessuudhaaf fedhii kan qabu ta’u isaa bekkun dirqamaa isaatti.

4. Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Walisoo filannoo fooyyee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan eegamadhaa. Odeeffannoo dabalataaf Lakkofsaa bilbilaa 09 73 23 40 68 ykn 09 10 79 44 64 ykn 09 11 92 63 68

 Waajjira Maallaqaa Aanaa Walisoo Walisoo