Addis Zemen (Sep 09, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Doobbaa, bara baajataa 2019, seektaroota adda addaa Aanaa Doobbaa keessatti argamaniif meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, uffata seeraa, meeshaalee elektirooniksii fi meeshaalee farnicharaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoota ulaagaalee caalbaasii asii gadii kana guutan akka dorgoman ni afeerra.
1. Dorgomtoonni damee hojii kana irratti hayyama hojii seera qabeessa kan qaban, akkasumas hayyama hojii bara baajataa kanaa haaromsan ta’uu qabu.
2. Dorgomtoonni gibira kaffaluu isaanii kan mirkaneessu waraqaa ragaa qulqullinaa Waajjira Galiiwwanii irraa kennamu dhiyeessuu qabu.
3. Dorgomtoonni Ragaa Taaksii Dabalataa (VAT) fi Lakkoofsa Eenyummaa Kaffalaa Gibiraa (TIN) dhiyeessuu qabu.
4. Dorgomtoonni waraqa ragaa dhiyeessummaa dhiyeessuu qabu.
5. Dorgomtoonni Interpraayizoota Maayikroo fi Xixiqqaa (IMX) ta’an, waraqaa ragaa qaama seerummaa bara baajataa kanaaf haaromfame dhiyeessuu qabu.
6. Dorgomtoonni wabii kabachiisa caalbaasii Qarshii 30,000 (Qarshii Kuma Soddoma qofa), maallaqa callaan yookaan baankii irraa ajaja kaffaltii ittiin kennamu Cheekii Mirkanaa’e (CPO), Leeterii Kireediitii (Letter of Credit) ykn wabummaa baankii ta’een, sanada caalbaasii waliin walqabsiisanii dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Interpraayizoota Maayikroo fi Xixiqqaa (IMX) ta’anis, wabii kabachiisa caalbaasii Qarshii 30,000 (Qarshii Kuma Soddoma qofa) armaan olitti ibsame, haala gaafatameen maallaqa callaan yookaan baankii irraa ajaja kaffaltii ittiin kennamu Cheekii Mirkanaa’e (CPO), Leeterii Kireediitii (Letter of Credit) ykn wabummaa baankii ta’een dhiyeessuun dirqama qabu.
7. Dorgomtoonni sanada caalbaasii, guyyaa beeksisichi gaazexaa irratti ba’e irraa eegalee guyyaa hoji walitti aanan 15 keessatti, Qarshii 500 (Qarshii Dhibba Shan qofa) kan hin deebine kaffaluun, Waajjira Galiiwwan Aanaa Doobbaa irraa bitatanii dorgomuu ni danda’u.
8. Dorgomtoonni gatii guutuu meeshaa tokkoo tokkoo, VAT dabalatee, dhiyeessuu qabu.
9. Dorgomtoonni sanada gatii dhiyeessan orijinaalaa fi kooppii adda addaan saamsanii, guyyaa hojii caalbaasiin gaazexaa Addis Zaman irratti ba’e irraa eegalee hanga sa’aatii sanduuqni caalbaasii itti cufamutti, sanduuqa caalbaasii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Doobbaa qopheesse keessatti galchuu qabu.
10. Caalbaasichi guyyaa hojii 15ffaa sa’aatii 9:00tti ni cufama. Sana booda xiqqoo erga turanii, sa’aatii 9:30tti, bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni isaanii argamanitti ni banama. Yoo dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni isaanii argamuu baatan, bakka isaan hin jirretti ni banama.
11. Dhaabbanni caalbaasii moo’ate, meeshaalee inni moo’ate baasii ofii isaatiin gara mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Doobbaa geessuun galii góchuu qaba.
12. Dhaabbanni caalbaasicha irratti dorgomee moo’ate, wabii kabachiisa waliigaltee, waliigala gatii waliigaltee moo’ate keessaa 10% ta’u, CPOn qabsiisuu qaba.
13. Waajjirri bitu filannoo biraa yoo argate caalbaasii gar-tokkeenis ta’ee guutumaan guututti haquuf mirga qaba.
Teessoo: Godina Harargee Lixaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Doobbaa Odeeffannoo dabalataaf lakk.bilbilaa: 0913 793 186/0921 152 978 / 0929 473 620 bilbilaa gaafadhaa.
Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti Waajjira
Maallaqaa Aanaa Doobbaa