Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Bara 2019
Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisoo Seektaroota Magaalicha keessatti argamaniif Meeshaalee Barreeffamaa ,Elektirooniksii, Qulqullinaa Meeshaa Ijaarsaa, Farniicharaa fi Gommaa Konkolaataa Bara Baajata 2019 caalbasii ifaatin Wal-dorgomsiisee bituu barbaada.
kanafuu irratti hirmachuu dorgomtootni caalbasii kana barbaaddan ulaagaa armaan gadii guuttanii dorgomuu ni dandeessu
1. Dorgomaan kamiyyuu eeyyama daldalaa bara bara 2018 kan 2018 kan haara’ee fi gibira kaffale ta’uu qaba .Akkasumas waraqaa ragaa dhiyeessummaa kan dhiyeeffatu ta’uu qaba.
2. Dorgomtootni kamiyyuu gosa meeshaa ittiin dorgoman eeyyama seera qabeessa ta’e kan qabuu fi kaffalaa taaskii dabalataa (galma’aa VAT) ta’uu isaa ragaa footo koppii kan dhiyeeffatu ta’uu qaba
3. Dorgomtootni guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee kaasanii waajjira maallaqaa bulchiinsa magaalaa shaakkisootti dhiyaachun qarshii hin deebine qarshii 500 (dhibba shan) waajjira Galiitti kaffaluudhan sanada caalbaasii dhimma kanaaf qophaa’e kutaa bittaa lakkoofsa 2 fudhachuu ni dandeessu.
4. Dorgomtootni kamiyyuu kabachiisa caalbasii gatii ida’ama waliigalaa irraa paarsantii 2% sanada caalbasii tokko tokkoof CPO baankiidhan mirkanaa’e maqaa waajjira maallaqaatin qabsiisuu qabu.
5. Dorgomaan caalbaasicha hinjifate dirqama isaa osoo hin ba’iin yoo hafe kabachiisa caalbasii inni qabsiise dhaaludhaan mootummaaf galii ta’a.
6. Dorgomaan kamiyyuu sanada caalbasii gatii guutee deebisu orjinaalaa fi koppii isaa kophaa kophaatti addaan baasuudhan chaappaa dhaabbatichaa,teessoo dhabbatichaa fi mallattoo isaa ifatti adda baasuudhan dhiyeessuu qaba. dabalataanisa gatiin guutame haqaa fi laaqa yoo qabaate fudhatama hin qabu.
7. Caalbaasin kun kan banamu bakka dorgomtootni fi bakka bu’aan seera qabeessa ta’e argamutti galma bulchiinsa magaalaa shaakkisootti kan banamu ta’a.
8. Dorgomaan dorgomticha irratti hirmaate mo’achuu isaa guyyaa bu’aan caalbasii barreeffaman isaa qaqqabee kaasee meeshaa ittiin mo’ate gatii waliigalaa keessaa kabachiisa walii galtee paarsantii 10% baankiidhan mirkanaa’e maqaa waajjira Maallaqaa/Bul/Mag/ shaakkisootin qabsiisuudhan mana hojii wajjin kan bara baajata sanaa dhiyaate walii galtee mallatteessuu qaba.
9. Caalbasiin kun qilleensa irra kan oolu fi sanduuqni dhimma kanaaf qophaa’e banaa ta’e kan turu guyyaa beeksifni kun ba’ee kaasee guyyaa hojii walitti aanan 15f yoo ta’u gaafa guyyaa 20/1/2019 Meeshaalee Barreeffama Elektirooniksii, to Qulqullinaa, Farniicharaa, Meeshaa Ijaarsaa fi Gommaa Konkolataa hanga sa’aatii 4:00 gara sanduuqaatti galee kan saansamuu fi guyyuma kana sa’aatii 4:30 kan banamu ta’a ,haa ta’uu malee guyyaa caalbasiin kun banamu sanbata, dilbataa fi guyyaa ayyaanaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta’a.
10. Mo’ataan caalbasicha meeshaa ittiin mo’ate hanga waajjira Maallaqaa /Bu/Mag/shaakkisootti dhiyeessuudhan moodela 19 erga itti murateen booda kanfaltiin kan raawwatamuuf ta’a.
11. Sanadni caalbaasii kun kan qophaa’u Afaan hojii naannichaatin ta’a.
12. Dabalataan ulaagaa barbaachisu hundaa sanada caalbaasichaa irraa kan argattan ta’uu isaa isin beeksifna.
13. waajjirri filannoo fooyya’e biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutumaan guututti haquuf mirgi isaa seeraan kan eeggameedha.
Odeeffannoo Dabalataatif Lakkoofsa bilbilaa 046 334 0620 ykn 0953 336 578
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaakkisoo