Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa bara baajataa 2019 tiif baajata Idilee, fi Mana Qopheessaatiif Meeshaalee barreeffamaa, Uffata Dambii hojjettootaa, Meeshaalee Qulqullinaa adda addaa, Hojiilee Maxxansaa adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii, fi Meeshaalee Elektirooniksii adda addaa, Meeshaalee ijaarsaa adda addaa, labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa’uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.
Ibsa Bal’inaan
Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee calqabee gosa meeshaalee fi odeeffannoo.waa’e meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa’ef Qar. 500.00 (Dhibba Shan) kan hin deebine kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa’aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa dhufuudhaan bitachuun ni danda’ama.
Dirqama Dorgomtootaa
1. Gibira bara kanaa kan kaffalanii fi damee daldalaa meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda’an.
2. Galmaa’aa Taaksii dabala qabeenyaa “VAT” kan ta’anii fi ragaa dhiyeessuu kan danda’an.
3. Tarree dhiyeessitootaa Ministeera Maallaqaa keessatti kan galmaa’anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda’an.
4. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif CPO baankiidhaan mirkanaa’e Qar. 100,000 (Kuma dhibba Tokko) sanada caalbaasii wajjiin wal-qabsiisee dhiyeessuu qaba. Waldaalee IMX ammo haala sirreeffama dambii Lakk. 192/2009 Kew. 27 Lakk. 1 ffan fi Lakk.2 irra taa’een kan raawwatu ta’ee, haala gurmaa’iisa isaanii kan ibsu Dambii Lakk. 192/2009 Kew. 13 b fi Kew. 14 qubee b irra jiruun raga walii galtee hojjetaa ittiin qacaranii hojjechiisaa jiran kan bara kanaaf haarome Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa sadarkaadhaan jirun kan mirkanaa’e fi gibira hojjetaa isaanii irraa ji’aan sassaabanii galii gochaa jiraachuu isaanii A/T Galiiwwanii irraa xalayaa dhiyeessachuu qabu. Dorgomtoonnii erga moo’ataa ta’uun isaanii xalayaadhaan ibsameefi booda dhiyaatanii waliigaltee mallateessuu yoo baatan CPOn kabachiisa caalbaasiif qabsiisan ni dhaalama.
5. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasiichaa irratti guutuudhaan Orijinaalaa fi koppii Koophaa Koophaattii poostaadhaan saamsudhaan Orjinaalii fi Koopiin ammoo bakkaa tokkootii poòstaa Guddaadhaan Saamsamee maqaa fi raga guutuu dhaabbata isaanii irratti barreessun dhiyyeefachuu qaba.
6. Sanada Caalbasii kana guyyaa 07/01/2019 hanga 21/01/2019 sa’aatii 11:30 tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa tti Qaaman dhiyaatanii bitachuun saanduuqa kanaaf qophaa’etti galchuu ni danda’u. Caalbaasichi gaafa guyyaa 22/01/2019 sa’aatii 3:00i cufamce dorgomtoonni ykn bakka buutonni isaanii bakka argamanitti guyyuma kana sa’aatii 3:30tti ni saaqama..
7.Dorgomtoonni mo’atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo’atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessandhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo’ataman (caalbaasicha kufan) mo’ataa fi mo’atamaan caalbaasichaa eega ifa ta’ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda’u.
8.Dorgomioonni mo’ataa baasii kam iyyuu danda’uudhaan meeshaalee mo’atan mankuusaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaatti dhiycessuu qabu.
9. Kaffatti maallagaa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuuf akka mijaa’u dhiyeessan kamiyyuu herreega baankii Siinqeetii qabaachuu fi becksisuu qaba.
10. Waajirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeenis ta’ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba
Odeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0935792978, 0910205976 ykn 0968761724
Waajjirra Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa