Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa tajaajila Waajjira Barnootaa Goodina Boorana Bahaatiif Barattoota Aanaalee Hosiisee Bulaa Godina Boorana Bahaa keessatti argamaniif Aanaa Liban, Aanaa Gooroo Doolaa, Aanaa Gumii-Eldaalloo, Aanaa Dhaas, Aanaa Areeroo,Aanaa Waacillee, Aanaa madda Walaabuu fi Aanaa Walaabuu Lixaa sagantaa midhaan nyaataa manneen barnootatiifoolan;- Daakuu Boqqoolloo sadarkaa 1 ffaa, Zayita Nyaataa sadrkaa 1 ffaa fi Ashaboo ykn Soogidda Iyoodiinii qabu bara bajaata 2019tiif caal-baasii Ifaatiin waldorgomsisee bituu barbada. – test3.diretenders.com

Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa tajaajila Waajjira Barnootaa Goodina Boorana Bahaatiif Barattoota Aanaalee Hosiisee Bulaa Godina Boorana Bahaa keessatti argamaniif Aanaa Liban, Aanaa Gooroo Doolaa, Aanaa Gumii-Eldaalloo, Aanaa Dhaas, Aanaa Areeroo,Aanaa Waacillee, Aanaa madda Walaabuu fi Aanaa Walaabuu Lixaa sagantaa midhaan nyaataa manneen barnootatiifoolan;- Daakuu Boqqoolloo sadarkaa 1 ffaa, Zayita Nyaataa sadrkaa 1 ffaa fi Ashaboo ykn Soogidda Iyoodiinii qabu bara bajaata 2019tiif caal-baasii Ifaatiin waldorgomsisee bituu barbada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa tajaajila Waajjira Barnootaa Goodina Boorana Bahaatiif Barattoota Aanaalee Hosiisee Bulaa Godina Boorana Bahaa keessatti argamaniif Aanaa Liban, Aanaa Gooroo Doolaa, Aanaa Gumii-Eldaalloo, Aanaa Dhaas, Aanaa Areeroo,Aanaa Waacillee, Aanaa madda Walaabuu fi Aanaa Walaabuu Lixaa sagantaa midhaan nyaataa manneen barnootatiifoolan;- Daakuu Boqqoolloo sadarkaa 1 ffaa, Zayita Nyaataa sadrkaa 1 ffaa fi Ashaboo ykn Soogidda Iyoodiinii qabu bara bajaata 2019tiif caal-baasii Ifaatiin waldorgomsisee bituu barbada. Kanaafuu caal-baasii kana irrattii Dhaabbileen hirmachuu barbaadan bu’urumaa beeksisa armaan

ibsameen dorgomuu ni danda’u.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldala isaanittin heeyyamaa daldalaa haarome, ragaa qulqullina gibira, Galma’aa dhiyeessa Midhaanii, galmaa’aa VAT fi lakkofsa TN fotoo kooppii isaa sanada caal-baasii walin qabsisanii dhiyyeesuu qabu.

2. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazeexaa Kallacha Oromiyaa irratti ba’ee eegalee guyyoota hojii 10/ kudhan/ keessaattii yeroo hundaa sa’aati hojiitti maallaqa hin deebine qr.500.00/dhibba shan/kaffaluun kutaa Bittaa, Bul/ fi Dha/ Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa G+1 lakk. 09 tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni danda’u.

3. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmama bittaa waligalaa qarshii 500,000.00 (kuma dhibba shan) qofa maqaa waajjira Maallaqaa Godina Boorana bahaatiin CPO Baankiidhaan mirkanaa’e ykn Baankii Gaaraantii, sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu dirqama qabu

4. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun hanga guyyaa 20/1/2019tti hanga sa’aati 6:00tti Waajjira Maallqaa Godina Boorana Bahaatti G+1 lakk. 9 Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.

5. Caalbaasichi Gaafa guyyaa 20/1/2019 sa’aati 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa keessatti banama.

6. Mo’ataan caal-baasii midhaan nyaataa barattootaa ittiin mo’ate marsaa marsaadhaan hangaa Manneen Barnoota Aanaalee Horsiise Bulaa Godina Booran Bahaa keessatti argamanii yeroo gaafatame keessaatti qulqullinaa fi baay’ina ajajameen dhiyeessuuf dirqama qaba.

7. Afaan caal-baasichii ittiin geggeeffamu Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaati.

Waajjiricha filannoo fooyyee yoo argate caal-baasichaa guutumaan guututti ykn gar- tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegamedha. Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bil- 0464450917 ykn 0464450429 fi 0464450013

Waajjira Maallaqaa Godina Boorana Bahaa Nageellee Booranaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *