Kallacha Oromiyaa (Sep 24, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Maraa 2ftaa
R/Himataan Mana Qopheessaa Magaalaa Naqamtee fi R/ himatamtonni Dhaabbata Ijaarsa Waliigalaa Koomtoo Itti Gaafatamummaan Isaa Murtaa’e PLC, 2ffaa Latii Taaffasaa, 3ffaa Taaffasaa Tolasaa 4ffaa Zannabech Duulaa jidduu falmii raawwachiisaa murtii jiru ilaalchisee mana jireenyaa maqaa raawwiin himatamaa 4ffaan galmaa’ee Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Ganda 07 keessatti argamu, lakk.kaartaasaa 6406WBIFLMN113 ta’e,gatii tilmaama ka’umsa caalbaasii qarshii 6,862,497.23/100n gaafa 07/02/2019 sa’aatii 3:00 6:00tti gatii olaanaa argameen waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO dhiyeeffachuudhaan qaamaan dhiyaattanii dorgomuudhaan bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Ol’aanaa Godina Wallaggaa Bahaa