Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Bara Bajaata 2019tti hojii Mootummaatiif Bittaa Meeshaalee – test3.diretenders.com

Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Bara Bajaata 2019tti hojii Mootummaatiif Bittaa Meeshaalee


Kallacha Oromiyaa (Sep 24, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa Bittaa Meeshaalee Bara Baajata 2019

Manni Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Bara Bajaata 2019tti hojii Mootummaatiif Bittaa Meeshaalee Barreeffamaa fi Meeshaalee Dhumataa Adda Addaaa Kan Biroo Meeshaalee Qulqullinaa caalbaasii ifaatiin baasee dhaabbilee

ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisee bituu barbaada.

Kanaafuu:- Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti hirmaachuu barbaaddan

Ulaagaa kanaa gaditti ibsame kan guuttan affeeramtanii jirtu.

1. Dorgomtoonni dorgommii irratti hirmaachuu barbaaddan hayyama daldalaa seera qabeessa ta’ee meeshaalee barreeffamaa fi dhumataa adda addaa kan biroo fi meeshalee qulqullinaa irratti kan qabanii fi hayyama isaanii kan haaromsiisan fi Gibra Mootumaa kan kafalan ta’uu qaba.

2. Daldaltoonni galmaa’aa VAT kan ta’aniifi Tin number kan qaban ta’uu kanaafis ragaa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.

3. Daldaltonni galmee ragaa biroo maallaqaa fedeeraalaa irratti dhiheessaa fi galmaa’aa ta’uu isaa kan ibsuu kooppii isaa qabsiisuu kan danda’u ta’uu fi ykn Biiroo Maallaqaa naannoo irraa galmee dhiheessitootaa (Supplier list) irratti kan galmaa’an ta’uu fi kanaaf ragaa dhiheeffachuu kan danda’ane ta’uu qababe

4. Dorgomtoonni sanada calbaasii fudhatan irratti chaappaa dhaabbaticha isaanii ibsuu fi Mallattoo qabaachuu qaba. Akkasumas sanadni caalbaasii poostaa lamaan (2) Orjinaalaa fi kooppiin qophaa’ee saamsamee adda bahee dhiyaachuu qaba.

5. Dorgomtoonni meeshaa moo’atan baasii geejjibaa isaanitiin fee’anii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaatiif dhiheessuu qabu.

6. Dorgoomaan caalbaasii irratti hirmaatu kamuu kabachiisa caalbaasii sanada caalbaasiif dhihaate meeshaalee barreeffamaa fi dhumataa adda addaa kan biro 3000(kuma sadi), meeshalee qulqullinaa 1000(kuma tokko) irratti CPO Cheekii Baankiin mirkanea’e qabsiisuu qaba. Dorgomaan caalbaasii moo’atame moo’atamuu isaanii erga mirkanaa’ee booda CPOn kabachiisa Caalbaasiitiif qabsiisan kan deebi’uuf ta’a.

7. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii irratti dorgomuu barbaaddan sanada caalbaasii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Garee Bittaa Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Lakkofsa Biiroo 2tti dhiyaachuun kan hin deebine qarshii 100(dhiba tokkoo) kafalanii beeksifni Gaazeexaa Bakkalachaa tiin guyyaa bahe irraa eegalee guyyaa walitti aanuu 15(kudha shan) Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Garee Bitaa Bulchiinsa Faaynaansii fi Qabeenyaa Lakkofsa Biiroo 2tti dhiyaachuun bitachuu ni danda’u.

8. Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Gaazeexaan kallachaa Oromiyatiin bahe irraa eegalee itti fufiinsan guyyaa 15(kudha shan) gurguramee guyyaa hojii 16ffaa Sa’aatii 2:30 hanga Sa’aa 6:00tti sanduqa sanada caalbaasiif qophaa’ee keessa galee sa’aa 6:00tti sanduuqni saamsamee guyyama san sa’aatii hojii sa’aa 8:00tti dorgomtoonni ykn bakka buutoonni iddoo argamanitti ifaatti ni banama.

9. Akkuma olitti ibsme guyyaan 16ffaa caalbaasiin banamu ayyaana ykn cufaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanuutti kan banamu ta’a.

10. Waajjirichi haala fooyya’aa yoo argate guutuumaan guutuutti ykn gar- tokkeen caal-baasicha haquudhaaf mirga qaba Teessoon:- Magaalaa Adaamaa Karaa (daandii) wanjjii irra Naannoo Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Dambalaat Odeeffannoo Dabalaataatiif Lakk Bilbilaa 09-12-28-97-27

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Dambalaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *