Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Lixaatti Waajjiri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa bara bajataa 2019 daandii haaraa saaquufi daandii keessa keessaa magaalaa suphuuf maashinoota hojii ijaarsaa daandiif oolan sa’aatiidhaan dorgomsiisee kireessuu barbaada. – test3.diretenders.com

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Lixaatti Waajjiri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa bara bajataa 2019 daandii haaraa saaquufi daandii keessa keessaa magaalaa suphuuf maashinoota hojii ijaarsaa daandiif oolan sa’aatiidhaan dorgomsiisee kireessuu barbaada.


BARRIISAA (Sep 27, 2026)

Beeksisa CaalbaasiiKiraa Maashinaa

Lakk. Calbaasii 02/2019

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Lixaatti Waajjiri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Hirnaa bara bajataa 2019 daandii haaraa saaquufi daandii keessa keessaa magaalaa suphuuf maashinoota hojii ijaarsaa daandiif oolan Loodara (180HP production date after 2021), Gireedara, (150HPfi isaa ol Production Date after 2021) G.C, Dum trucker (Dumper- pro date after 2021), Dozer With Ripper (300HP fi isaa olii Production Date after 2021) fi Rolloo Any Model) sa’aatiidhaan dorgomsiisee kireessuu barbaada.

Kanaafuu dorgomtoonni sanada caalbaasiibitachuuf dhuftan:-

  • Hayyama daldalaa bara 2019 haaromfame.
  • Waraqaa ragaa kafalaa gibiraa ykn clearance waajjira galiiwwani irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.
  • Waraqa ragaa lakkoofsa eenyummaa kafalaa gibiraa (Tax payer certificate)
  • Waraqaa Ragaa Galmaa’aa VAT ykn VAT Registration Certificate
  • Waraqaa ragaa galmee dhaleessummaa keessatti galmaa’uu ibsu dhiyeeffachuu kan danda’u.
  • Ragaa seeraqabeessummaa maashinaa kan mirkaneessu kanneen akka libree, qorannoo teeknikaa, sostenye waganiifi inshuraansii wabii madin waliin saamsame orjinaalaafi koppiin poostaa adda addaatiin orjinaala afi koppii irratti barreessuudhaan sumudaafi teessoofi maqaa ibsuudhaan dhaleessuu qabdu.
  • Dorgomaan kamiyyuu maashina dhaleessuu mirkaneessa abbaa qabiyyummaa ykn libree orjinaala qabee dhaleessuun dorgomuu qaba.
  • Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii Qarshii 10,000 (Kuma kudhan) Cheekii baankiin mirkanaa’ee (CPO) ykn maallaqa dheedhii guyyaa sanadni calbaasii galu waliin galuu qabu.
  • Dorgomtoonni sanada caalbaasii guutuu isaa guyyaa beeksifni calbaasii Gaazexaan bahee jalqabee guyyoota hojii 15 yeroo hojii qarshii hindeebine Qarshii 1000 (kuma tokko) Waajjira Galiiwwanii magaalattitti kaffaluun nagahee qabattanii Waajjira Maallaqaa BMH Kutaa Bittaa irraa bitachuu nidandeessu.
  • Dorgomtoonni sanada cAlbaasii guyyaa beeksifni bahee qabee guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa’aatii 4:30tti saanduqa caalbaasiif qophaa’e keessaa galchuu qabu.
  • Caalbaasiin kan banamu guyyuma kana sa’aatii 5 irratti dorgomtoonni ykn bakka buutonni argamanitti ta’ee guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta’uu baatee guyyaa hojii itti aanu sa’aatii 5 ta’a.
  • Dorgomtooni mo’ataa taatan waajjirichi maashinaa dabalataa yeroo barbaadetti gatii itti mo’ateetti dhaleessuuf dirqama qaba.

Hubachiisa: Waajjirichi mala bittaa fooyya’aa yoo argate caalbaasii guutumaan guutuutti ykn walakkaan haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa 0915 130 320

Waajjiri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa chiinsa Hirnaa


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *