Addis Zemen (Oct 29, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa
Godina Shawaa Kaabaa Bul/Mag/Fiicheetti W/Maallaqaa bara bajataa 2019tti:- Bittaa kiraa meeshaalee adda adda qophii adda addaatiif oolu caalbaasii ifaatiin dhiyeessitoota dorgomsiisee seektaroota magaalaatiif kireeffachuu barbaada.
Ulaagaalee Caalbaasichaa:
- Dorgomtootni hayyama hojii daldala seera qabeessaa kan bara 2019 haaromfame dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtootni facaatii dhiyeessitootaa keessatti galma’aa ta’uu isaanii waraqaa ragaa kooppii dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtootni ragaa galmaa’aa taaksii dabalataa (VAT) fi ragaa lakk. addaa baasaa kaffalaa gibiraa (TIN) kooppii dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomtootni sanada caalbaasii guyyaa caalbaasiin kun gaazexaa irratti maxxanfamee bahe irraa kaasee guyyaa hojii walitti aanan 15 keessatti waaree dura sa’aatii hojii mootummaa 2:30-6:30 waaree booda 7:30-11:30tti kaffaltii sanadaatiif qarshii hin deebine 300 (dhibba sadii) kaffaluudhaan Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaalaa Fiichee lakk.2tti dhiyaachuun bitachuun ni danda’ama.
- Caalbaasiin kan banamu gaafa guyyaa 16ffaa waaree booda sa’aatii 9:00 irratti saanduqni cufamee guyyuma kana sa’aatii 9:30 irratti bakka dorgomaan ykn bakka bu’aan seera qabeessaa jirutti ni banama. Guyyaan 16ffaan guyyaa hojiitii ala yoo ta’e, guyyaa hojii itti aanu sa’aatii wal fakkaatutti ta’a.
- Dorgomaan kamiiyyuu kabachiisa caalbaasiitiif qarshii deebi’u 50,000 (kuma shantama) ‘Account’ Imaanaa (1070552321213) Maqaa Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaalaa Fiicheetiin baname irratti galchuun raga baankii irraa mirkanaa’e qofa sanada orijinaala caalbaasichaa waliin qabsiisuu qabu. Hubachiisa: ‘CPO’dhaan dhiyeessuun caalbaasii kana keessatti dhorkamee jira.
- Dorgomtootni sanada caalbaasichaa irratti komii yoo qabaatan akkaataa labsii bittaa mootummaa bu’uureffachuun komii isaanii dhiyeeffachuu ni danda’u.
- Dorgomtootni sanada caalbaasii irratti gaaffii ykn yaada yoo qabaatan sanada osoo hin galchin guyyaa 5/shan/ dura gaafachuu ni danda’u.
- Odeeffannoo guutuu isaa sanada caalbaasii irratti kan argamu ta’a.
- Waajjirichi caalbaasicha filannoo biraa yoo argate guutummaan guutuutti ykn gartokkeen haquu ni danda’a.
Odeeffannoo dabalataaf lakk.bilbilaa: 01-11-35-10-11
Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaalaa Fiichee