Kallacha Oromiyaa (Oct 29, 2026)
Beeksisa Caalbaasii 1ffaa
R/Himataa Sisaay Yaadatee fi R/Himatamtoota Asraat Jambar, Immabeet Siyyuum, Heelan Katamaafaa N-3 jidduu falmii waa’ee raawwachiisaa murtii jiru ilaalchisee qabeenya murtiin abbaa idaa kan ta’e, Gamoo abbaa darbii lamaa fi lafa jala tokko (B+G+2) kan ta’e,Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaatti Bulchiinsa Aanaa Badhaatuu keessatti ballina M² 262.30 irratti argamu,Lakk. Kaartaasaa 2323/2001 kan ta’e,maqaa Obbo Hayiluu Sabsibeetiin galmaa’ee jiru,gatii ka’umsaa caalbaasii qarshii 7,534,837n gaafa 14/3/2019 sa’aatii 2:30 – 4:00tti caalbaasii ifaan waan gurguramuuf namoonni caalbaasii kanarratti dorgomtanii bitachuu barbaadan gatii ka’umsaa caalbaasii 1/4 CPO qabsiisuun ykn cheekii baankiidhaan mirkanaa’e dhiyeessuudhaan waraqaa eenyummaa keessan ibsu qabachuudhaan galmaa’uun dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa