Kallacha Oromiyaa (Nov 12, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
R/Himattoota 1ffaa Sisaay Magarsaa, Waldaa Gamtaa Shariikummaa Horsiisaa Handaaqqoo Kaamiil Mohaammad fi Hiriyoota isaa fi R/Himatamtuu Naahiimaa Jihaad gidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana jireenyaa Kutaa Magaalaa Furii Aanaa Muudaa Furii keessatti maqaa R/ himatamtuu Aadde Naahiimaa Jihaadi in galmaa’ee ballina M² 211.73 irratti argamu, lakk.kaartaasaa OR00007181618022 kan ta’e, gatii ka’umsa caalbaasii qarshii 12,199,733.57n gaafa 01/04/2019 sa’aatii 3:00 – 5:00tti caalbaasiin waan gurguramuuf gatii ka’umsa caalbaasii 1/4 CPO qabsiisuun -qaamaan dhiyaachuudhaan dorgomtanii bitachuu kan dandeessaniifi guyyaa caalbaasii mo’atanii eegalee guyyoota 15 keessatti kaffaltii hunda kan kaffaltan ta’uu manni murtii ajajeera.
Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Shaggar