Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakkoofsa 04/2019 Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar (Godina Harargee Bahaa) Pirojaktii Ijaarsa Daandii Koridara Arab-Taraa irraa hanga Iddoo Magariisummaa Abbaa Gadaa – test3.diretenders.com

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakkoofsa 04/2019 Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar (Godina Harargee Bahaa) Pirojaktii Ijaarsa Daandii Koridara Arab-Taraa irraa hanga Iddoo Magariisummaa Abbaa Gadaa


BARRIISAA (Nov 15, 2026)

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakkoofsa 04/2019

Godina Baha Oromiyaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar Pirojaktii Ijaarsa Daandii Koridara Arab-Taraa irraa hanga Iddoo Magariisummaa Abbaa Gadaa kontiraaktaroota sadarkaa 5ffaa fi isaa olii tahanii hayyama ijaarsa daandii fi riqichaa qaban caalbaasii ifaan dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada. Kanumaaf, dorgomtoonni ulaagaalee caalbaasichaa guuttan guyyaa beeksifni kun gaazexaa Bariisaa irratti maxxanfamee kaasee sanada caalbaasii bitachuun dorgomuu kan dandeessan tahuu isin beeksifna.

Ulaagaalee Dorgommiif Barbaachisan:-

  1.  Hayyama hojii ijaarsa daandii fi riqichaa qabaachuu qaba.
  2. Gibira kaffalee xumuruu isaa waraqaa qulqullinaa dhiyeeffachuu qaba.
  3. Hayyama bara 2019 haarayoome qabaachuu qaba.
  4. Waraqaa ragaa gahumsa ogummaa GC/BC 5 fi sanaa olii qabaachuu qaba.
  5. Waraqaa ragaa qaama seerummaa qabaachuu qaba.
  6. Taaksii dabalata qabeenyaa(VAT)galmaa’aa tahuu ragaa dhiyeessuu qaba.
  7. Waraqaa ragaa dhiheessummaa qabaachuu qaba.
  8. Wabii kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa pirojaktichaa irraa parsantaa lama (2%) qabsiisuu isaa (CPO) ykn cheekii baankiin mirkanaa’e dhihaachuu qaba.
  9. Bittaa mootummaa irraa kan hin dhoorkamne ta’uu.
  10. Hojii ijaara pirojaktii kanaan dura hojjate %100 xumuruu isaa abbaa pirojaktii irraa ragaa dhiheeffachuu qaba.
  11. Muuxannoo hojii qabaachuu isaa ragaa dhiyeeffachuu qaba.
  12. Dorgomtoonni sanada caalbaasii argachuuf guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti maxxanfamee bahee kaasee guyyaa hojii 15(kudha shan) keessatti kan hin deebine gatii tokkoo qarshii 2000(Kuma lama)qofa Waajjira Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti kaffaluudhaan sa’aa hojiitti Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar Kutaa Adeemsa Hojii Bittaa irraa argachuu dandeessu.
  13. Dorgomtoonni dookumantii caalbaasii teeknikaalaa fi faaynaashaalaa poostaa lama dhiheessuu kan qaban orijinaala tokkoo fi koppii lama poostaa haadhoo tokko keessatti galchuudhaan tokko tokkoon poostaa saamsame irratti orijinaalaa fi koppii 1 fi 2 jechuun irratti barraa’uun maqaa pirojaktii, abbaa pirojaktii, gosa pirojaktii, maqaa kontiraaktaraa, teessoo, lakkoofsa bilbilaa, mallattoo fi chaappaa rukutamee yeroo ja’ame keessatti sanduuqa caalbaasichaaf qophaa’e keessa galfachuu qaba. 
  14. Caalbaasichi guyyaa gaazexaadhaan maxxanfamee kaasee 15(kudha shan) qilleensa irra turuudhaan guyyaa 16faa ganama sa’aatii 4:30 irratti kan cufamu yommuu tahu, guyyuma kana waaree booda sa’aatii 8:30 irratti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu’aan seeraa argamanitti ifatti ni banama.

Hubachiisa: Waajjirichi carraa fooyyee yoo argate caalbaasicha guututti/gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataa sanada caalbaasii irraa argachuu dandeessu.
Godina Baha Oromiyaatti Waajjira Karooraa fi
Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *