Addis Zemen (Nov 18, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Kiraa Maashinoota Suphaa Daandii
Waajjirri Daandiiwwanii fi Loojistikii Aanaa Jiddaa bara baajata 2019 suuphaa daandiiwwanii
1. Sirxii hanga Gaangoo 8.8KM.
2. Nasirii hanga Kolfee 15KM.
3. Birboo hanga Fiitii 10.5KM Godina Sh/Kaabaa, Aanaa Jiddaa keessa jiru maashinoota ijaarsa daandiif barbaachisan kireeffatee hojjechiisuu barbaada. Kanaaf, ulaagaalee caalbaasii armaan gadii qaamni guutuu danda’u dorgommii irratti hirmaachuu ni danda’a.
1.Hayyama daldalaa kiraa maashinii kan bara 2019 kan haaromse.
2. Dorgomtoonni lakkoofsa kaffalaa gibiraa (TIN) dhiheessuu qabu.
3. Ragaa galmaa’aa VAT ta’uu isaanii ibsu dhiyeessuu kan danda’an ta’uu qaba.
4. Xalayaa qulqullummaa gibiraa kaffaluu isaa ibsu dhiheessuu qaba.
5. Tarree dhiheessitoota (supply list) keessatti galmaa’uu isaanii ragaa dhiheeffachuu qabu.
6. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii (CPO) qarshii 100,000(kuma dhibba tokko) baankii irraa Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaatiif kan barreeffame qabsiisuun dhiyeessuu qabu.
7. Dorgomaan caalbaasicha mo’ate kabachiisa walii galtee (perfor- mance bond)10% gatii waliigalaa qabsiisu qaba. Moo’atan kaba- chiisa walii galtee hin dhiyeeffanne CPO’n kabachiisa caalbaasiif qabsiise mootummaaf galii tahee bu’aa mootummaan argatu giddu galeessa godhachuun dorgomaan biraa akka dhiheessu ni godha-ma.
8. Dorgomaan Maashinoota sanada caalbaasii irratti tarreeffaman hunda bakka tokkotti dhiyeessuu kan danda’an ta’uu qabu. Qo- qoodan dorgomuun hin danda’amu.
9. Haala Poostaan ittin dhiyaatu qajeelfama dorgomtoota fi Facaatii odeeffannoo sanada Caalbaasii irraatti haala barreeffameen dhi- yaachuu qaba.
10. Maqaa dorgomaa, maqaan abbaa piroojeektii, maqaan piroojeek- tii, mallattoo bakka bu’aa dorgomaa fi chaappaan dorgomaa, tees- soon dorgomaa fi abbaa piroojeektii poostaa gubbaatti ifatti bar- reeffamuu qaba.
11. Sanada dorgommiif dhihaatan hundaa irratti maqaan duraa taa’aa dhaabbatichaa fi mallattoon isaa akkasumaas chaappaan dhaabba- tichaa ifaatti irratti argamuu qaba.
12. Sanadicha irratti haqamni fi laaqamni jiraachuu hin qabu.
13. Dorgomaan kamiyyuu erga caalbaasiin banamee booda yaada jijjiruu ykn foyyeessuu fi caalbaasii keessaa of baasuu hin danda’u .Akkasumas dorgomaan kamiyyuu sa’aatii jedhameen alatti sanada bituus deebisuus hin danda’u.
14. Dorgomaan caalbaasii burjaajeessuu fi dogongorsuu yaalii godhee caalbaasichaa irraa ni haqama.
15. Dorgomtoonni bittaa mootummaa irratti adabbii kan hin qabnee fi hin dhorkamnee ta’uu qabu.
16. Dorgomaan moo’atee maashinoota dhiyyeessu boba’aa, Lobed fi geejjiba akkasumas baasiiwwan kanaan walqabatan hunda ofii isaatii uwwisuu danda’uu qaba.
17. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaa irraa qarshii hin deebine qarshii 1000 (Kuma tokko) kaffa- luun bitachuu ni danda’u.
18. Caal-baasichi guyyaa beeksisni kun bahe irraa eegalee guyyoota Hojii walitti aanan 21f qilleensa irra erga oolee booda guyyaa 22ffaa gaafa 08/04/2019 bakka dorgomaan ykn bakka bu’aan seera qa- beessaa, koreewwan teekinikaa fi koreewwan piroojeektii argama- nitti sa’aatii 4:00 cufamee guyyuma kana sa’aatii 4:30tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaatti kan banamu ta’a. Guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta’uu baate guyyaa hojii itti aanu sa’aatii walfakkaatutti kan hojirra oolu ta’a.
Hubachiisa:-
Waajjirichi filannoo fooyya’aa biroo yoo argate caalbaasicha walak- kaan ykn guutummaatti haquuf mirgi isaa kan eegameedha.
Hanguma fageenyi dabalaa deemu waldaa (dhaabbanni) gatii baajoo guutuu dabalaa hin deemne dorgommiin ala ta’a.
Teessoo Abbaa Piroojektii:-Godina Sh/Kaabaa, Aanaa Jiddaa, Magaa- laa Sirxii
Lakkoofsa bilbilaa- 011 673 63 28
Godina Sh/Kaabaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaa