Waajiri Maallaqaa Aanaa Algee Saachu Gamoo Tajaajila Iddoo Tokkoo (MESOB) Abbaa Darbil 3 (G+3) Wanjjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachiitiif bara baajataa 2019 keessa ramadameen, Magaalaa Algee keessatti turti guyyootaa 730 keessatti hojjatee xumuramuuf caalbaasi ifaan baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyuma seeraqabeessaa qaban dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada


Addis Zemen (Nov 26, 2026)

Waamicha Beeksisa Caalbaasii 2ffaa

Waajiri Maallaqaa Aanaa Algee Saachu Gamoo Tajaajila Iddoo Tokkoo (MESOB) Abbaa Darbil 3 (G+3) Wanjjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachiitiif bara baajataa 2019 keessa ramadameen, Magaalaa Algee keessatti turti guyyootaa 730 keessatti hojjatee xumuramuuf caalbaasi ifaan baasee dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti heyyuma seeraqabeessaa qaban dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Kanaafuu:

  1. Dorgomtoonni dorgomuuf fedhii qaban ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu.
    1. Dorgomtoonni ragaa gahumsa Abbaa Taayitaa Konisitirakshinii Oromiyaa YKN Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa irraa gosa (Category) GC-3/BC-2 fi isaa ol kan ta’e qabuufi kan bara baajataa 2019 E.C haaromfame dhiycessuu kan danda’u.
    2. Ragaa VAT TIN kaffalan gibiraa Abban Taayitaa Galiiwwaniin kenname dhiyeeffachuu kan danda’u.
    3. Hayyama daldalaa yeroo caalbaasiifi mirkaneessa galmee daldalaa qaamolee hayyamaman irraa kan bara 2019 haaromfate dhiyeessuu kan danda’u
    4. Ragan Qulqullina Gibiraa/Tax Clearance Certificate/ bara 2018 Abbaa Taayitaa Galiiwwanii biyya keessaa irraa kan kenname kan dhiyeeffachu danda’d.
    5. Ragan Dhiyeessummaa Ejensi Bittaa Mootummaafi Bulchiinsa Qabeenyaa Itoophiyaa /Public Procurement and Property Administration Agency (PPPAAY Tarree Dhiycessitootaa irratti galmaa’uu (Suppliers list) kan dhiyeeffachu danda’u.
  2. Caalbaasiin hojimaata Caalbaasii Dorgommii Biyyaalessan National Competitive Bidding (NCB) tiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgomtoota biyya keessaa ulaagaa guutan hundaaf akkaataa sanada caalbaasii irratti ibaameen ta’a
  3. Hirmaattonni caalbaasil wabummaa kabachiisa caalbaasii qarshi 500,000 (Kuma dhibba shan qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda yeroo turtii guyyoota 148’f kan hojjatu ta’uu qaba; wabii caalbaastitiif qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan) bifa CPO qofaan baankii irraa maqaa “Waajjira Maallaqa Aanaa Algee Saachii tiif” jechuun dhiyaachuu qaba.
  4. Hirmaataan caalbaasii mo’ate gatii waliigalaa keessaa Wabii Hojii (Performance Bond) 10% qabsiisundhaan mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu kan danda’u ta’uu qaba.
  5. Dorgomtoonni ulaagaa guutuuf fedhii qaban odeeffannoo dabalataa argachuufi sanadoota caalbaasii, tuuta guutuu kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta’e dabalatee, Waajjira Maallaqaa Aanaa Algee Saachli Kutaa Adeemsa Bittaa dhaquun sa’aatii hojii mootummaatti dhiyaachuun qarshii 3,500.00 (Kuma sadiif dhibba shan) Herrega Baankii Daldalaa Lakk.1000170686113 tti galchuun nagahce galii Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwaani A/Algee Saachiitti fiduun bitachuu ni danda’u. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromoofi Ingiliffaan qophaa’an, dorgomtoota fedhii qabaniin, guyyaa jalqabaa beeksisni bahe irraa eegalee 17/03/2019 hanga 07/04/2019 guyyaa xumuraatti bitamuu ni danda’a.
  6. Dhaabbanni caalbaasii kana irratti hirmaatu Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii irratti argamuudhaan (site visit) gochuun isaa waraqaa ragaa daawwannaa mana hojii keenyaa fudhachuudhaan, xalayaa kana sanada teeknikaa keessatti saamsuudhaan dhiyeessuu qaba.
  7. Akkaataa sanadni dokimantii teeknikaalaafi faayinaanshiyaalii itti dhiyaatu:
    1. Orijinaaliifi waraabbiin sanadoota gahumsa tecknikaa adda addaan envelope cufame keessatti “Orijinaaliifi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa” jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa’amuufi envelope lamaan erga qofaa qofaatti saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa’amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessiifi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “koreen caalbaasil irratti qofa banamu” jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta’u, Wabii kabachiisa caalbaasii (CPO) qofatti saamsuun sanada teeknikaa orijinaala waliin ni kaa’ama.
    2. Orijinaaliifi waraabbiin sanadoota dhiyeessii faayinaansi addaan baatamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame “Orijinaaliifi Waraabbii Sanadoota Dhiyeessii Faayinaansii” jedhamee kan mallatteeffame yoo ta’u, envelope lamaan qofaa qofaatti erga saamsamanii booda envelope alaa guddaa keessa kaa’amec cufamuu qaba. Enveloppiin, alaa kun teessoo dhiyeessiifi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta’u, “Bakka koreen caalbaasii jirutti qofa banama” jedhamee ifatti kan barreeffame ta’uu qaba,
    3. Lamaanuu piroppozaala teeknikaafi faayinaansii keessatti Envelope haadha tokko keessa kan kaa’amu yoo ta’u envelope alaa kun teessoo dhiyaannaafi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifamankan qabuufi “Bakka koreen caalbaasii jirutti qofa banamuu kan qabu ta’uu qaba
    4. Chaappaa, mallatteessuufi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta’uu qaba.
    5. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.
    6. Sanadni dhiycessii faayinaansii cufamee kan turuufi saanduqa kanaaf qophaa’e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamilichi hayyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiycessiin faayinaansii(S) dorgomtoota gahumsa qaban beeksisaan himamutti cufamee kan turu ni ta’a.
    7. Koreen maamilaan ramadame bu’uura deebi kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa’uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta’e sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisaa teeknikaa isa xiqqaa sanada çaalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati
    8. Dhiycessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa teeknikaa ulaagaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta’an qofatu guyyaa banamuu faayinaansii ni banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (i. e Ulaagaa guutuu qabaachuu qaba osoo hin banamin ni deebi’a). Maamilchi guyyaafi sa’aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa.
    9.  Sanada sobaa dhiyeessii faayinaansii yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti agarsiisuuf yaaliin yoo godhame caalbaasichi akka kuffisu ni taasisa.
    10. Maamilichi “Sanada Gahumsa Teeknikaa” “Sanada Dhiyeessii Faayinaansii envelops keessatti dogoggoraan kaa’amuu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan fiduuf ittigaafatamummaa hin fudhatu.
  8. Caalbaasiin guyyaa beeksisni kun ba’e kaasee guyyaa walitti aanu digdamii tokko(21) qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) Waaree duraa sa’aatii 4:00 irratti cufaamee, sa’aatii 4:30 irratti ifatti ni banama. Hata’uu malee, guyyaan 22 (digdamii lammaffaa) guyyaa hojii yoo ta’u baate, guyyaa hojii mootummaa ittaanuutti sa’aatii walfakkaataatti cufamee akka banamu ni ta’a. Caalbaasiin hundi wabii kabachiisa caalbaasii ibsame waliin ta’uu qaba. Sanada yaada dorgommii dorgomtootaa yeroo dabarsee dhiyaate ni kufa (Late bids will be rejected). Sanada yaada dorgommii dorgomtootaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Algee Saachiitti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu oonni seeraqabeessaa argamanitti ifatti ni banama.
  9. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta’a.
  10. Waajjirichi faayidaa argame bu’uureffachuun caalbaasii bahe kana guutumaa guutuutti ykn ga-tokkeen haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo Dabalataaf

Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Algee Saachii

Bilbila:-+251 91 727 3702/ +251 95 365 08/ +251 91 335 7097

Waajjira Bulchiinsa Aanaa Algee Saachii

Bilbila:- +251 91 316 9686

Aanaa Algee Saachii, Algee

Bulchiinsa Godina I/A/Booritti Waajjira Maallaqaafi

Walta’iinsa Dinagdee Aanaa Algee Saachii


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *