Waldaan Aksiyoona Horsiisa Lukkuu Mojoo (Modjo Poultry Farm S.C) fedhii hojii oomishaa fi nyaata lukkuu itti fufiinsaan guutuuf, boqqolloo qulqullina barbaadamu guutu kuntaala 10,000 (kuma kudhan) caalbaasii banaa fi dorgommii ifa ta’een bitachuu barbaada. – test3.diretenders.com

Waldaan Aksiyoona Horsiisa Lukkuu Mojoo (Modjo Poultry Farm S.C) fedhii hojii oomishaa fi nyaata lukkuu itti fufiinsaan guutuuf, boqqolloo qulqullina barbaadamu guutu kuntaala 10,000 (kuma kudhan) caalbaasii banaa fi dorgommii ifa ta’een bitachuu barbaada.


2merkato.com (Oct 24, 2026)

Guyyaa14/02/2019

BEEKSISA CAALBAASII BITTAA BOQOLLOO

(MAIZE PROCUREMENT BID ANNOUNCEMENT)

1. Seensa

Waldaan Aksiyoona Horsiisa Lukkuu Mojoo (Modjo Poultry Farm S.C) fedhii hojii oomishaa fi nyaata lukkuu itti fufiinsaan guutuuf, boqqolloo qulqullina barbaadamu guutu kuntaala 10,000 (kuma kudhan) caalbaasii banaa fi dorgommii ifa ta’een bitachuu barbaada.

Kanaafuu, dhiyeessitoonni, daldaltoonni fi dhaabbileen daldalaa ulaagaa armaan gadiitti ibsame guutan hundi caalbaasii kana irratti akka dorgomtan kabajaan isin beeksifna.

2. Ibsa Meeshaa Bitamu

Lakk Ibsa meeshaa Ulaagaa qulqullinaa Baay’ina  Ibsa
1 Boqqolloo (Maize Grain) Boqqolloo bara darbe oomishame,  gogaa fi qulqulluu, sadarkaa 1ffaa ykn 2ffaa 10,000  

3. Ulaagaalee Quiqullina Boqqolloo

Boqqolloon dhiyaatu ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:

  • 3.1 Boqqolloo bara darbe oomishame ta’uu qaba.
  • 3.2 Boqqolloon naqasaan (weevil) kan hin nyaatamne ta’uu qaba.
  • 3.3 Fangasii fi mallattoo manca’insaa kan hin qabne ta’uu qaba.
  • 3.4 Boqqolloon baay’inaan kan hin caccabne ta’uu qaba.
  • 3.5 Jiidhinsi boqqolloo (Moisture Content) %14 gadi ta’uu qaba.
  • 3.6 Sadarkaa qulqullinaa 1ffaa ykn 2ffaa ta’uu qaba.
  • 3.7 Wantoota alagaa kan akka dhagaa, biyyee, cirracha, sanyii biroo fi xurii irraa bilisa ta’uu qaba.
  • 3.8 Dhaabbatichi boqqolloo dhiyaatu qulqullina, jiidhinsa, sadarkaa fi baay’ina isaa sakatta’uu fi mirkaneeffachuuf mirga qaba.

ULAAGAAWWAN DORGOMMIIF BARBAACHISAAN

1. Gibiraa bara 2018 kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Biiroo Galiiwwanii, ykn Abbaa Taayitaa Gumuruukaa ykn Galii Biyyoolessa Feedaraalaa irraa ragaa dhiyessuu kan danda’u ykn heyyama daldalaa haaraa ykn kan bara 2018 haaromfame fi Waraqaa ragaa kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa VAT dhiyeessuu kan danda’u

2. Dorgomtootni adeemsa caalbaasichaa gufaachisuuf yaalan caalbaasiin ala kan ta’anii fi gara fulduraattiis caalbaasii dhaabbatichi baasu irratti kan hin hirmaannee fi kabachiisni caalbaasii qabsiisan kan dhaalaman ta’uu.

3. Dorgomtootni caalbaasichi erga banamee booda yaada dorgommii jijjiiruu ykn fooyyessuun ykn caalbaasii keessaa bahuun hin danda’amu,

4. Sanduuqni caalbaasii erga cufamee booda sanadni yaadaa dorgommii dhiyaatu fudhatama hin qabu

5. Dorgomtooni Dhaabbata waldaa aksiyoona horsiisa lukkuu mojootti argamutti qaaman argamuun sanada dorgommii guyyaa hojii 15 (kudha shan) keessatti bitachuu qabu.

6. Dorgomtoonni Wabummaa kabachiisa caalbaasii gatii dhiyeessan irraa 2% CPO orjinaala hojjechiisun dhiyeessuu qabu

7. Dorgomtooni qarshii 500 (kuma Shan) kan hin deebine kaffaluun Bank Advice (slip) dhiyeessuun sanada caalbaasii Biiroo Bittaai lakk. 4 bitachuun Dorgomuu danda’u

8. Dorgomtootni sanada yaada dorgommiii dhiyeessaan irratti maqaa, teessoo fi mallattoo isaanii barreessuu qabu,

9. Caalbaasichi Invelooppii laman dhiyeessuu fi qaama aangoo qabuun kan mallatteeffamee fi chaappaa dhaabbatichaa qabachuu qaba,

10. Dorgomtoonni adeemsa raawwii caalbaasii irratti komii yoo qabaatan komii iyyataan dhiyeeffachuuf mirga qabu

11. Dhaabbatichi Caalbaasiicha gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti haquuf mirga guutuu kan qabu ta’uu.

12. Dorgomtoonni samuuda (sample) dhiyeessuu qabu

13. Mo’ataan Caalbaasii erga beekamee booda guyyaa hojii lama keessatti baasii mataa isaatin mana kuusaa dhaabbatichaa mojootti argamutti galii gochuu qaba

14. Kaffaltiin guutuun kan raawwatamu erga meeshaan mana kuusaatti galee booda kan raawwatamu ta’ee, Mo’ataan Caalbaasii erga beekamee booda akkataa dhiyeessii irratti waliigaltee addaa kan goonu ta’a

HUB: CAALBAASICHI KAN CUFAMU SADAASA 02 BARA 2019 SA’AA 11:00 CUFAMEE SADAASA 03 BARA 2019 GANAMA 4:30TTI KAN BANAMU TA’A.

No ACCOUNT NUMBER BANK
1 1000655081287 Commercial Bank
2 013251187411100

Awash Bank

3 1055617481212 Siinqee Bank

Odeeffannoo Dabalataaf

Lakkoofsa Bilbilaa: +251974555000

Email: modjopoultry@gmail.com 

Website: www.mpf.com.et 


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *