Your cart is currently empty!
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gadaa Faajjii tajaajila Seektaroota Aanaaf kan olu Meeshaalee adaadaa bittu barbaada
Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa Bara 2018
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gadaa Faajjii tajaajila Seektaroota Aanaaf kan oluu Birroo(6212), Meeshaalee:-Dhummeeyyii Electronics (6313), Furnture(6314), Qulqullinaa(6218), Uffata seeraa(6211), bittaa mootorota(6311), meeshaalee haaroomsaa konkoolataafi Mootorota(6244), akkasumaas meshaalee ijaarsaaf(6323) olaan caalbaasii Ifaa Gaazeexaa Kaallachaa oromiyaattiin baheen wal doorgoomsisee bittu barbaada.
Ulaagaa baarbaachisu:-
1. Eeyyama daldaala seera qabeessa kan qabu.
2. Ragaa gibiraa ittiin kaffaleefi heeyamaa daldaalaa haaromsee kan dhiyeefaatu.
3. Galmaa VAT fi TOT ta’u isa raga kan qabu.
4. Eeyyamni isa waan dhiyyeessu danda’uu qofa irratti kan ragaa waajjira daldalaa eeyyamaa kennuu sadarkaan jiru irraa kan dhiyyeefachuu danda’uu ta’u qaba.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii qarshii dhibba lamaan(200) kanfaltanii guyyoota hojii walitti aanaan kudhaa shan (15) keessatti Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Gadaa Faajjii Biiroo lakk. 14 bitaachuu dandeessu
6. Doogoomtooni sandaa caalbaasii bittaan Kophii fi Orjiinaala adda adda saamsuudhaan saanduqaa caalbaasiif qophaa’e Birroo lakk 1tti argamu keessa galchuu qabdu.
7. Dorgoomtooni sanada caalbaasii bittan gatii guutuun Maallattoo fi Chaappaa dhaabbata keessani irra ka’u qabdu.
8. Dorgoomtoonni kabaachisaa caalbaasiif CPO qarshii kuma Digdaamii shan (25,000) lot tokkoof kan deebi’u baankii beekamtii National Baankii qabu irraa dhiyyeefaachuu qabdu. Haa ta’u malee meeshaa mo’aatan yoo dhiyyeessu baatan galii mootummaaf kan ta’u ta’a
9. Caalbaasiin kun gaafa guyyaa 16ffaa waaree booda sa’atii 4:30 irratti cufame guyyuma kan sa’ati 8:00 irratti bakka dorgomtooni fi bakka bu’ooni seera qabeessa jiranitti kan baanamu ta’a
10. Mo’aatan caalbaasii mo’achuu isaa guyyaa xalayaan ykn bilbilaan ittii himame irra eegale guyyaa 5(shan) hangaa 10(kudhaan)tti Waajjirrii Maallaqaa Aana Gadaa Faajjiitti dhiyaatee walii galtee mallatteessu qaba
11. Dorgomaan kamiyyuu dorgooma birroo irrati hunda’uun gati guutun dhorkadha. Akkasummaas yeroo waliigalteen maallatta’u gatiin foyya’uu kan hin jiree ta’u beekuu qaba.
12. Dorgoomaan kamiyyuu waan irratti mo’aateef walii galtee mallatteessuuf yeroo dhuufu samuuda dhiyyeessu qaba.
13. Mo’aatan gatii guutee dhiyeesseen guyyoota 60 keessatti bu’uuruma waliigaltee mallaatteessen meeshaa qulqulinna isa egatee WMAGF tti dhiyyeessun galii taasisuu qaba
14. Bu’uura waliigaltee raawwaateen dorgoomaan meeshaa irratti mo’aate hundaa yoo dhiyyeesse kanfaaltiin ni raawaatamaaf.
15. Mo’aatan caalbaasii meeshaalee yeroo dhiyyeessu ykn ergaa dhiyyeesse meeshaan inni dhiyyeesse quiqulina kan hinqabne yoo ta’e argame baasii dhuunfaa isatiin meeshaa qulqulina qabu jijjiree dhiyyeessun dirqama.
16. Waajirichii filannoo biroo yoo argaate caalbaasicha walakkaan ykn guutummaan guutuutti haquun mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataatiif Lakk Bil:-0960861749 ykn 0713144762
Waajjirri Maallanaa Aanaa Gadaa Faaiiii