Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee Finfinnee irraa Km 103 irratti kan argamtu yoo ta’u bara baajataa 2018 tti meeshaalee adaada bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii Marasaa 1 ffaa

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee Finfinnee irraa Km 103 irratti kan argamtu yoo ta’u bara baajataa 2018 tti caalbaasii ifaa dhaan Uffata seeraa hojjettootaa, meeshaalee dhumeeyyii waajjiraa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhaabbii(furniture) waajjiraa fi elektirooniksii,, fi gommaa konkolaataa akkaata labsii 157/2002 fi qajeelfama bittaa bara 2004 bahee irratti hundaa’un dhiyeessitoota waldorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaada.

Ibsa caalbaasichaa

Sanadni caalbasii kun guyyaa gaazexaa kallacha oromiyaa irratti bahe irraa eegalee Hagayyaa guyyaa hojii mootummaa walitti fufiinsan guyyaa 15 niif ykn Adoolessa 15/2017 irraa hanga Qaammee 05/2017 tti kan gurguramu yoo ta’u gaafa dhumaa ykn 05/13/2017 guyyaa keessaa hanga saa’aa 6:30 tti qofaa kan gurguramu ni ta’a. Kanaafuu sanadni caalbaasii haala meeshichaa ibsu qarshii hin deebine 200 (dhibba lama) qofaan account wajjira maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee 1000423185108 ta’e irratti galchuun waajjiricha irraa qaaman argamuun bitachuu ni dandeessu. Guyyaan itti sanadni caalbaasiichaa banamu ayyaana irra yoo oole guyyaa itti aanutti darbuu kan qabuu fi yoo darbes dorgomtoonni bifa xalayaatiinis ta’e bifa bilbilaan ni beeksifamu.

Ulaagaalee Dorgomtootaa

1. Gibira bara kanaa kan kaffalee fi ragaasaa dhiyeeffachuu kan dan’da’u

2. Lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa /TIN/kan qabu fi ragaasaa dhiyeeffachuu kan danda’u

3. Galmaahaa vaatii kan ta’ee fi ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda’an.

4. Dorgomaan kamiyyuu tarree dhiyeessitootaatti kan galmaahee fi ragaasaas kan dhiyeeffatu ta’uu qaba.

5. Sanada dhiyaatu irratti waan sanadichi gaafatu maqaa oomisheessaa, bara oomishame fi moodelli meeshaa guutamuu qaba.

6. Dorgomtoonni sanada dorgommii dhiyaatu irratti maqaa,teessoo,lakk bilbilaa,chaappaa fi mallattoo isaanii guutuu qabu

7. Dorgomaa dhuunfaa warra ta’aniif Kabachiisa caalbaasii deebi’uu danda’u gatii waliilii gala meeshaa guutame irraa % 0.5 (cpo) baankii dhaan deeggarame yookaan maallaqa calla harkatti kan kaffalanii fi, Imx warren ta’aniif immoo parsantuma olitti tuqame kana irratti wabummaa Qaama Isaan gurmeesse irraa dhiyeessuu kan danda’an

8. Moo’ataan kamiyyuu meeshaalee moo’ate baayyinni isaa itti himame irratti walii galtee gochuu fi meeshaalee moo’atee tti himame hunda moodela isaa osoo hin jijjirin dhiyeessuu kan danda’u

9. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomuudhaaf sanada yaada dorgommii irratti guutan oorjinaala fi coppii isaa adda baasun saamiidhaan saamsanii dhiyeessuu qabu.

10. Saanduqni caalbaasii Qaammee 05/2017 guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irratti ni cuqqaalama

11. Saanduqni caalbaasii Qaammee 05/2017 Guyyaa keessaa sa’aatii 8;30 irratti Bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’iinsi seeraa isaanii jiranitti mooraa waajjira maallaqaa fi walta’iinsa diinagdee aanaa meettaa walqixxee keessatti saanduuqni caalbaasichaa ni banama. Hubachiisa Waajirichi tooftaa /carraa/ biraa argannaan caalbaasicha gar-tokkeenis ta’e guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga qaba. Odeeffannoo dabalataatif 0921984722/0926 157804/0910136956

 waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *