Godina Gujiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo manneen hojii Mootummaa Aanicha keessatti argamaniif Meeshaalee adadaa bituu barbaada


Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii 1ffaa Bahe

Godina Gujiitti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo manneen hojii Mootummaa Aanicha keessatti argamaniif Meeshaalee Barreefamaa, Meeshaalee Electronics, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii Xixxiqqaa Waajjira Keessaa, Meeshaalee Dhumoo adda addaa, Uffata Seeraa, Meeshaalee Dhaabbii gurguddaa (Furniture), Motora TVS, Motora Boxer fi Korboo Konkoolataa Bara Baajata 2018tiif Caalbaasii ifaa ta’een Wol-dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu Caalbaasii irratti dorgomtootni hirmaachuu barbaaddan, bu’uuruma kanaan gaditti ibsameen dhiyaattanii dorgomuu ni dandeettu.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaaniitiin Heeyyama daldalaa bara 2017 haaromsuu isaan seera qabeessa ta’ee gibira Bara 2018 Kan ittin kaffalan, facaatii / list/ kennaa tajaajilaa keessa ragaa sanadootaa ittin galmaa’anii fi Galma’a Fayinaansii fi Ragaa laakkofsa TIN footoo koppii isaa sanada caal baasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.

2. Dorgomtoonni dhiyaatan galma’aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa’uu isaanitiif raga footoo koppii dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba. Akkasumas IMXn fi woldaaleen TOT dhikeeffachuu qabu.

3. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beessisi Kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin bahe eegalee guyyoota hojii 15/ kudha shan/ keessaattii yeroo hunda sa’aati hujiitti gosa sanada calbaasii tokko tokkoon isaaf maallaqa hin deebine qarshiir 200 (dhibba lama) qofa kaffaluun Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo lakk. 03 tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni  danda’u.

4. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasitiif kan oolu gatii tilmama bittaa waliigalaa % 2 maqaa Waajjira Maallaqa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo tiin CPO ykn Cheekii Baankiidhaan mirkanaa’e yka Mallaqa Callaadhaan sanada Orijinaala caalbaasicha keessaa galchuun dhiyeessuu qaba.

5. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa :- Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Dhaabbii Xixiqqa Waajjira Keessaa,Meshaalee Dhumoo, Uffata Seera, motora Fi Korboo Konkolaataa poostaan saamsameen, Orjinaalaa koppii addaan baasuun gaafa guyyaa 16ffaa jechuun 15/12/20178 sa’aati 8:00 hanga sa’aati 8:30 Wajjira Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo tti Sanduuqa Caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.

6. Caalbaasichi sa’aati 8:30tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni bakka bu’ummaan isaanii Seeraan kan Mirkanaa’e, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti Kutaa Bittaa lakk 03 W/Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo keessatti banama.

7. Mo’ataan caal-baasii meeshalee ittiin mo’ate hunda hangaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti dhiyeessuu qaba.

8. Afaan caal-baasichaa ittinii geggeeffamu Afaan Oromootiin ta’a

9. Waajjirichii Caal-baasichaa guutumaan guututti ykn gar-tokkee isaa

10. haquudhaaf mirgi isaa seeraan Kan eegame dha. Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Bilbilaa 09 12 32 75 08   0910 45 37 71

Waajjirà Maallaqaa Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *