Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii hojii sektaroota Aanaa bara 2018 tiif kan oolu Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee Eleektirooniksii, Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa, Gommaawwan konkolaataa fi uffata seeraa hojjettootaa labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa’uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada


Kallacha Oromiyaa(Aug 21, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2018

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii hojii sektaroota Aanaa bara 2018 tiif kan oolu Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee Eleektirooniksii, Meeshaalee dhaabbataa biiroo keessaa, Gommaawwan konkolaataa fi uffata seeraa hojjettootaa labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa’uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal’inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee calqabee gosootaa fi waliigala odeeffannoo meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa’e kan hin deebine qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa’aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii lakkoofsa biiroo 2 dhufuudhaan bitachuun ni danda’ama.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira barichaa kan kaffalanii fi damee daldala meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda’an.

2. Galmaa’aa Taaksii dabala qabeenyaa kan ta’anii fi footokoppii sartefkeettii VAT dhiyeessuu kan danda’an.

3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa’anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda’an.

4. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa irraa 2% (persenti lama) (CPO) sanada caalbaasichaa waliin. dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) Gosa bittaa fi bay’ina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaa kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeessuu ni danda’u

5. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkko ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti guutuudhaan orijinaala isaa fi koppii isaa adda addatti poostaa gagaadhaan saamsameen, guyyaa caalbaasiin kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii 16 hanga guyyaa keessaa sa’a 6;30 tti waajjira keenya armaan olitti ibsame lakk. Biiroo 2 tti sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.

6. Caalbasiin kun guyyaa armaan ol lakk. 5 irratti ibsame guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 tti dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanitti ni banama.

7. Dorgomtoonni mo`atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo`atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo’ataman (caalbaasicha kufan) mo’ataa fi mo’atamaan caalbaasichaa eega ifa ta’ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda’u.

8. Dorgomtoonni mo’ataa baasii kam iyyuu danda’uudhaan meeshaalee mo’atan mankuusaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwiitti dhiyeessuu qabu.

9. Kaffaltii maallaqaa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuuf akka mijaa’u dhiyeessaan kam iyyuu herreega baankii daldala Itoophiyaatii qabaachuu fi beeksisuu qaba.

10. Waajirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkees ta’ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba. Odecfannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0965036530 ykn 0912372578

 Waajjirri Maallaqaa Aanaa Liiban Jaawwii,


Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *