Your cart is currently empty!
BEEKSISA CAALBAASII IFAA
Addis Zemen(Aug 23, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
BEEKSISA CAALBAASII IFAA
Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aayiraa bara baajataa 2018tiif kan oolu meeshaalee armaan gadii caal-baasii ifaan wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guuttan sanada caal-baasichaaf qophaa’e Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraatii bitachuudhaan guyyaa jedhame keessatti dhiyaattanii dorgomuu dandeessu.
- Dhiyeessii meeshaalee Elektirooniksii.
- Dhiyeessii meeshaalee konkolaataa fi gommaa konkolaataa
- Dhiyeessii meeshaalee mootar-saayikilootaa.
- Dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa adda addaa.
- Dhiyeessii uffata seeraa /uffata dambii hojjettootaa
- Dhiyeessii meeshaalee barreeffamaa/isteeshineerii
- Dhiyeessii meeshaalee farniicheraa
Ulaagaa Barbaachisan
- Hayyama hojii daldalaa kan qabuu fi hayyama hojii daldala isaatii kan bara 2018 kan haaresse.
- Waraqaa ragaa dhiyeessummaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa yookiin qaamainni bakka buuse irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.
- IMX yoo ta’e waraqaa ragaa qaama seerummaa qaama isa ijaare irraa dhiyeessuu kan danda’u.
- Idaa mootummaa irraa bilisa ta’uu isaa waraqaa qulqullinaa Waajjira(Biiroo) Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu kan danda’u.
- Galmaa’aa VAT/TOT/fi Ragaa TIN dhiyeeffachuu kan danda’u.
- Bittaa mootummaa irraa kanaan dura kan hin dhorkamne.
- Meeshaalee mo’ate hunda hanga waajjirichaatti dhiyeessuu kan danda’u.
- Kachiisa caal-baasiif qar.20,000.00 (kuma digdama) CPO yookiin aammoo maallaqa callaa qabsiisuu kan danda’u.
- Dorgomtoonni poostaa Tekinikaa orijinaala fi koppii isaa akkasumas poostaa faayinaansii orijinaalaa fi koppii isaa adda addaan samsanii dhiyeessuu qaba.
- Kabachiisa waliigalteef gatii waliigalaa ittiin mo’ate irraa 10% qabsiisuu kan danda’u.
- Meeshaa mo’ate kana yeroo barbaadamuutti dhiyeessuu kan danda’uu fi qulqullina isaa eegee akkaataa baayina gaafatametti dhiyeessuuf fedha kan qabu.
- Mo’ataan caal-baasichaa akkaataa qajeelfama dorgomtootaa waajjirichi isaaf kenne irratti hundaa’ee hojjechuuf fedha kan qabu.
- Mo’ataan caal-baasichaa waan mo’ate hundumaa osoo waliigaltee hin mallatteessin Saamuda(sample) dhiyeessuuf dirqama qaba. Dorgomtoonni dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun ba’e gaafa guyyaa 17/12/2017 irraa kaasee hanga gaafa guyyaa 6/1/2018 dhiyaattanii dorgomuu kan dandeessan ta’uu isin beeksisaa,sanada caal-baasichaaf qophaa’e qarshii hin deebinee qar.200.00(dhibba lama) kaffaluudhaan waajjirichaa irra bitachuu kan dandeessan ta’uu ibsaa caal-baasichi guyyaa 6/1/2018 sa’a 4:30 irratti cufamee Guyyaa 6/1/2018 sa’a 5:00 irratti Waajjira a Maallaqaa A/Aayiraatti banama.
HUBACHIISA
- Waajjirichi dorgomtoonni baniinsa caal-baasichaa irratti sa’aatii jedhame irratti yoo hin argamne eeguuf hin dirqámu..
- Dorgomaan dogoggoraan poostaa orijinaalaa fi kooppii akkasumas poostaa Tekinikaa fi faayinaansii yoo wal-jala fuudhe dorgommiin ala ta’a.
- Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caal-baasicha guutummaan guututtis ta’e gar-tokkeen kaasuuf mirga guutuu qaba.
- Dorgomaan bakka bu’aa isaa baniinsa caal-baasichaa irratti kan ergatu yoo ta’e waraqaa bakka bu’iinsaa Waajjira Abbaa Alangaa irraa kan kenname qabatee dhiyaachuu qaba.
Odeeffannoo dabalataatiif
Lakkoofsa bilbilaa 0913586964/0917350385/0912697326 kanaan gaafachuu ni dandeessu.
Bulchiinsa Mootummaa N.Oromiyaa Godina Wallagga
Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraa
cttx Building and Finishing Materials cttx, cttx Construction and Water Works cttx, cttx Construction Machinery and Equipment cttx, cttx Electrical, cttx Furniture and Furnishing cttx, cttx House Furniture cttx, cttx IT and Telecom cttx, cttx Office Furniture cttx, cttx Office Supplies and Services cttx, cttx Shoes and Other Leather Products cttx, cttx Spare Parts and Car Decoration Materials cttx, cttx Textile, cttx Tri Wheeler, Electromechanical and Electronics cttx, Garment and Leather cttx, Garments and Uniforms cttx, Motorcycles and Bicycles Purchase cttx