Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oroiyaa,Godina Harargee Lixaatii Waajjra Maallaqaa Aannaa Hawwii Guddinaa waajjiraalee adda addaa isa jala jiraniif meeshaalee barruu, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee adda addaa, meeshaalee farnicharaafi meeshaalee elektirooniksii, gommaa konkolaataa caalbaasiidhaan dorgomsiisee bituu barbaada


BARRIISAA(Aug 23, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተጠቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii Yeroo 1ffaa

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa  Hawwii Guddinaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa bajata  idilee bara 2018 irraa waajjiraalee adda addaa isa jala jiraniif meeshaalee  barruu, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee adda addaa, meeshaalee  farnicharaafi meeshaalee elektirooniksii, gommaa konkolaataa caalbaasiidhaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni dorgomuu barbaaddan ulaagaalee armaan gadii kana guutuutu isinirraa eeggama.

  1. Hayyamaa bara 2018 kan haroomeefi gibira mootummaa kan bara 2017 kaffaluu isaaniif ragaa dhiyeeffachuu kan danda’an.
  2. Ragaa VAT (15%) mootummaadhaafkan kaffalan ta’uufi TIN No. galmaa’anii ragaa dhiheeffachuu kan danda’an ta’uu qabu.
  3. Galmee dhiyeessitoota meeshaalee keessatti galmaa’uu isaaniif raga dhiyeeffachuu kan danda’an,
  4. Dorgomtoonni teessoofi iddoo dhaabbata isaanii qabaachuu qabu.
  5. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa guyyaa beeksifni caalbaasii kun  bahe irraa eegalee maallaqa hindeebine Qr. 200 (dhibba lama) qofa Waajjira Galiiwwanii Aanaa Hawwii Guddinaatti kaffaluudhaan sanadicha Waajjira  Maallaqaa A/H/Guddinaa kutaa lakk [4] fudhachuu dandeessu.
  6. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii /Bid bond/ hamma maallaqa qabsiifamuu qarshiidhaan /10,000/ kuma kudhan/ ykn /CPO/ baankii irraa mirkaneeffame qabsiisuu qabu.
  7. Dorgomtoonni caalbaasii kanarratti hirmaachuudhaaf ulaagaalee armaan olitti tarreeffaman 1-6 jalatti tuqaman ragaalee isaanii orjinaalaa fi foto koppii qabachuudhaan dhiyaachuu qabu.
  8. Beeksifni caalbaasii kun guyyaa Gaazexaa Bariisaa irratti maxxanfamee qilleensarra oolerraa jalqabee guyyaa [15] /kudha shaniif/ qilleensa irra kan turu ta’a. Sanduuqni caalbaasii guyyaa itti aanu gaafa guyyaa 16ffaa waaree dura sa’aatii 4:00-4:30tti dorgomtootaaf banaa ta’ee erga tureen booda  guyyuma sana sanduuqni caalbaasii sa’aatii 4:30 irratti saamsamee guyyuma sana bajata sana sa’aatii 5:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa biiroo lakk.6tti kan banamu yoo ta’u, guyyaan 16ffaan guyyaa ayyaanaa ykn guyyaa hojii yoo ta’e guyyaa hojii itti aanu ni banama.
  9. Caalbaasiin bakka bu’oonni isaanii bakka argamanitti iftoominaan nibanama. Ta’us dorgomtoonni fedhii isaaniitiin caalbaasiin yeroo banamu argamuu baatanis caalbaasicha banamu kan hin gufachiifneefi murtoowwan baniinsa caalbaasii irrattii dabran fudhachuuf dirqama qabu
  10. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti maqaa teessoo isaanii tuquu qabu. Akkasumas sanada caalbaasii irratti qaamni ilaallatu bakka bu’ummaa seeraan kan irratti mallattaa’eefi chaaphaan kan irratti dhawameefi gatiin tokkoo tokkoo orijinaalaafi koppiin kan irratti guutame adda baasuun /poostaa/:1ffaa teknikaal dokumantii orijinaala: 2ffaa dokumentii faayinaanshaalaa orijinaalaafi Financial dokumentii koppii jechuun irratti barreessuun poostaa samiin saamsuudhaan sanduuqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.
  11. Dorgomaan caalbaasicha moo’ate moo’achuun isaa guyyaa beekame irraa kaasee guyyoota walitti aanan 5 keessatti Waajjira Maallaqaa A/H/Guddinaatti dhihaachuun waliigaltee guutuu qaba.
  12. Moo’ataan caalbaasii waliigaltee fudhachuuf kabachiisa waliigaltee 10%/ CPO baankii irraa mirkanaa’e qabsiisuuu dirqama qaba.
  13. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti gatii yeroo guutan haqaafi laaqaa ykn dogongora herregaa qabaata yoota’e dorgommiin ala ta’a
  14. Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutumaan guutuutti haquudhaaf mirgi isaa eegamaadha
  15. Caalbaasicha irratti hirmaachuu yoo barbaaddan odeeffannoo dabalataa argachuuflakk. bilb. 09-09-92-36-58 ykn 09-10-21-83-31 irratti bilbiluudhaan booda odeeffannoo gahaa ni argattu.

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oroiyaa,Godina Harargee Lixaatii Waajjra Maallaqaa Aannaa Hawwii Guddinaa