Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa bara baajata 2018 tiif adadaa bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa(Aug 28, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2018

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa bara baajata 2018 tiif baajata Idilee, fi Mana Qopheessaa, akkasumas Fandiiwwan adda addaatiif Meeshaalee barreeffamaa, Uffata Dambii hojjettootaa Meeshaalee Qulqullinaa adda addaa, Hojiilee Maxxansaa adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii, fi Meeshaalee Elektirooniksii adda addaa, Meeshaalee ijaarsaa adda addaa, Gommaa konkolaataa Motor Saayikilii labsii bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa Lakk. 157/2002 fi Qajeelfamaa bittaa mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 irratti hundaa’uudhaan caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Bal’inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee calqabee gosa meeshaalee fi odeeffannoo waa’e meeshaalee bitamuuf barbaadamanii kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokko tokkoon qophaa’ef sanada guutuu Qar. 500.00 (Dhibba Shan) kan hin deebine kaffaluudhaan yeroo hundumaa sa’aatii hojii mootummaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa dhufuudhaan bitachuun ni danda’ama.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira bara kanaa kan kaffalanii fi damee daldalaa meeshichaatiin heeyyama daldalaa haarome kan qaban, ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda’an.

2.Galmaa’aa Taaksii dabala qabeenyaa “VAT” kan ta’anii fi ragaa dhiyeessuu kan danda’an.

3.Tarree dhiyeessitootaà Ministeera Maallaqaa keessatti kan galmaa’anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maallaqaa (qaama sadarkaan jiru) irraa dhiyeessuu kan danda’an.

4.Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii dorgoman irratti qarshii 30,000 (Kuma Soddoma) (CPO)n kan qabsisee sanada caalbaasichaa waliin dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni Maayikiroo fi xixiqqaa (IMX) Gosa bittaa fi baayina maallaqa irratti dorgoman ibsuudhaan qaama isaan hundeesse irraa waajjira keenyaaf kallattiidhaan xalayaa wabummaa caalbaasichaa dhiyeessuu ni danda’u.

5.Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasiichaa irratti guutuudhaan Orijinaalaa fi koppii Kophaa Kophaattii poostaadhaan saamsudhaan Orjinaalii fi Koopii ammo bakkaa tokkootii poostaa Guddaadhaan Saamsamee maqaa fi ragaa guutuu dhaabbata isaanii irratti barreessun dhiyeeffachuu qaba.

6.Sanada Caalbasii kana guyyaa 22/12/2017 hanga 08/01/2018 sa’aatii 11:30 tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa tti Qaaman dhiyyataanii bittachuun saanduuqa kanaaf qophaa’etti galchuu ni danda’u. Caalbaasichi gaafa guyyaa 09/01/2018 sa’aatii 4:00tti cufamee dorgomtoonni ykn bakka buutonni seeraa isaanii bakka argamanitti guyyuma kana sa’aatii 4:30tti ni saaqama.

7.Dorgomtoonni mo’atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo’atan irratti 10% wabummaa raawwii caalbaasichaa baankiidhaan kan raggaassame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu. Dorgomtoonni mo’ataman (caalbaasicha kufan) mo’ataa fi mo’atamaan caalbaasichaa eega ifa ta’ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda’u.

8.Dorgomtoonni mo’ataan baasii kamiyyuu danda’uudhaan meeshaalee mo’atan hunda man-kuusaa Waajjirra Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaatti dhiyeessuu qabu.

9. Kaffaltii maallaqaa gatii meeshaalee dhiyaataniif taasisamuuf akka mijaa’u dhiyeessan kamiyyuu lakk. herreega baankii Siinqee qabaachuu fi beeksisuu qaba.

10. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeenis ta’ee guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga guutuu qaba.

Odeefannoo dabalataa yoo barbaaddan Lakk. Bilbilaa 0986973769/0968761724/0910205976

Waajjirra Maallaqaa Aanaa Kuraa Jiddaa