Bulchiinsa Magaala Shaggariitti Waajjira Maallaqa Kutaa Magaala Burrayyuu manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajata 2018 kan ooluuf meeshaalee gosa adda addaa


Addis Zemen(Sep 09, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksiisa Caalbaasii 

Lakkoofsaa Caalbaasii 01/2018

Bulchiinsa Magaala Shaggariitti Waajjira Maallaqa Kutaa Magaala Burrayyuu manneen hojii Kutaa Magaalaa fi Waajjira Mana Qopheessaa bara baajata 2018 kan ooluuf meeshaalee gosa adda addaa

Meeshaalee Dhumeeyyii, Uffata Seeraa Hojjettootaa,

Meeshaalee Qulqullinaa,

Meeshaalee Elektirooniksii,

Meeshaalee Farnicharoota Biiroo keessaa fi Gommaa Maashinaarii fi Gommaa Konkolatootaa) Caalbasii Ifaadhaan Dorgomsiisee bituu barbaada.

Haalota Tarreeffama

Dorgomtoonni Tarreeffama Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni caalbasii kun Gaazeexaa irratti bahee eegalee Guyytota hojii walitti anaan 15 keessatti Bulchiinsa Kutaa Magaala Buraayyuu Waajjira Maallaqaatiin Lakk.Akkawuntii Baankii Siinqeetti Lakk. Herregaa 1065536141217 baname qarshii hin deebine qarshii 2000 (Kumaa Lama qofa) galii gochuun Bankii Siinqee Deposit slip Waajjira Galii Kutaa Magaala Buraayyuu gara Nagaheetti jijjiiruudhaan sanada Yadaa Dorgoomaa sa’aatii hojii Motuummaa hunda waajjira Maallaqaa kutaa Burrayyuu qaamaan dhuftanii sanada caalbasii bitachuu ni dandeessu

Qajeelfama /Dirqama /Dorgomtootaa

Dorgomtootni eeyyama hojii Daldala kan qabanii fi Gibira haala qajeelfamaatiin kan kaffalanii eeyyama daldala isaanii kan haaromsan kanaaf ragaa dhiyeessuu kan danda’an.

Dorgomtootni lakkoofsa addaa baasaa Kaffalaa gibiraa/Tax payer registration no/certificate/ kan qabanii fi Ragaa dhiyeessuu kan danda’an

Dorgoomanii sanaada calbaasii kana irraattii Hirmaatani kamiiyyuu kaffalaa Taaksii dabalataa(VAT) galma’aa fi waraqaa ragaa galma’umaa kan qabu Akkasumaas dorgomtoonni weebsaayitii galmee dhiyeessummaa Misinisteera Maallaqa Feederaalaa ykn Biiroo Maallaqa Naannoo ykn Ejensii bittaa fi Dhabamsiisa qabeenyaa irratti kan galmaa’anii fi yeroo ammaa weebsaayitii irratti galma’aa ta’uu isaanii kan ibsu ragaa koppii dhiyeeffachuu qabu Dorgomtoonni Manneen hojii mootummaa Bittaa Raawaachiisaanii beekamtuumaa qabaanii irraa Baayyina, qulqullinaa fi yeroon meeshaalee mo’atan galchuu isaaniif Raawwii hojii gaariif xalayaa manneen hojii irraa barreeffameef koppii xalayichaa dhiyeessuu qabu Dorgomitoonni kamiyyuu kabachiisa caalbasii cpo baankiin kan mirkana’e/Ragga’e/CPO 250,0000 (Kumaa dhibbaa lamaaf kuma shantama qofa) sanada waliin dhiyeessuuf dirqama qabu.

Dorgomtoonni Caalbasii irraattii hirmaatee Darbee (Mo’atee) waliigaltee yemmuu mallatteessaan kabachiisa waliigaltee wabummaa baankii irraa mirkana’e CPO (Wabummaa % 10) qabsiisuu isaan barbaachiisa.

Dorgomaan kamiyyuu caalbasii ergamo’atanii booda meeshaalee mo’atan hunda geejjibaa isaanii fi baasii isaaniitiin iddoo waajjirichi qopheesseetti dhiyeessuu qabu

Dorgomtoonni kamiyyuu gatii sanada caalbasii waajjirichi qopheesse irratti guutuu qabu

Dorgomtoonni caalbasichi erga banameen booda sanada caalbasii irratti jijjiirama ykn fooyya’insi gochuu ykn caalbasii keessa bahuun hin danda’amu

Dorgomtoonni Meeshaalee bittaman haala Ispeesifkeeshinii kennameefin guute yoo dhiyeessuu baate fi dogongorri kamiyyuu yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa/ dorgomaa/ ta’uu beekuu qabu

Dorgomaan caalbasii mo’atee waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti anaan 20(digdama) keessatti meeshaalee galii gochuu qaba. Yeroo jedhame keessatti galii gochuu yoo baate waliigaltee kennaan haala qajeelfamaatiin Tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beekuu qabu

Dorgomaan kamiyyuu Ispeesifkeeshinii meeshaalee gatii kenne ittiin injifateen ala filannoo biroo dhiyeessuu hin danda’u

Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomaan sanada caalbaasii irratti guutuudhaan Orjiinaalaa fi koppiidhaan adda baasuun Poosxaa saamsuudhaan Caalbaasii guyyaa gaazeexaa irratti bahee jalqabee guyyaa hojii walitti anaan hanga guyyaa 16fatti ganama irraa sa’aatii 4:00tti Waajjira Maallaqaa Kutaa Burayyuu Saanduqa dhimma kanaaf qophaa’e keessa galchuu ni dandeessu.

Caalbasichi guyyaa 16ffaa Ganamaa keessaa sa’aatii 4:00 irratti Cufame guyyuma sana Sa’aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu’ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta’an bakka argamanitti ni banama. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guutuutti Orjiinaala ta’u qaba.

Dorgomtoonni ykn bakka bu’ootni dorgomtootaa seera qabeessa ta’an hundi baninsa caalabsii irrattis yoo hin argamne Caalbasicha hin guufachisu.

Waajjirichi Mala/Tooftaa fooyya’aa /filannoo/ biroo yoo argate caalbasicha walakkeessanis ta’e guutumaan

guutuutti haquu mirgi isaa kan eegameedha.

Hubachiisa Guyyaa Caalbasichi banamu yeroo /guyyaa/hojiitiin ala

yoo ta’e guyyaa hojii itti aanaa dhufu ta’a

Ragaa Dabalataan yoo barbadan Lakk. Bilbila (011 262 5576) bilbiluun hubachuun ni dandeessuu.

Bulchiinsa Magaala Shaggariitti Waajjira Mallaqa Kutaa Magaala Burrayyu