Waajjiri Maallaqaa Aanaa Lumee bara baajata 2018 keessatti waajjiralee/seektaroota Mootummaa fi Gandoota Aanicha keessatti argamaaniif bittaa meeshaalee adda adda


Addis Zemen(Aug 30, 2025)

Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።

Beeksisa Caalbaasii lakk. WMAL/CIB-01/2018

Waajjiri Maallaqaa Aanaa Lumee bara baajata 2018 keessatti waajjiralee/seektaroota Mootummaa fi Gandoota Aanicha keessatti argamaaniif bittaa meeshaalee adda adda; bittaa uffata seeraa hojjettoota (looti 1ffaa), meeshaalee dhummataa biiroo keessa fi barreeffama( lootii 2ffaa), Meeshaalee qulqulliina (lootii 3ffaa), Meeshaalee eelektirooniksii fi kompiitaroota (lootii 4ffaa),meeshaalee dhaabbii biiroo keessa / furniture /( lootii 5ffaa), meeshaalee jijjiira motarsaaykiloota fi gommaa konkolaataa (lootii 6ffaa) fa’a caalbaasii ifaatiin waldorgomsiise bituu barbaada:-

Kanaafuu dorgomtoota caalbaasii kana irratti hirmaachuuf fedha qabdaan ulaagaa armaan gaditti ibsame guutuu qabduu;

1. Dorgomtoonni gosa dhiyyeessi irraatti Heyyama hojii daldalaa seeraa qabeessa haromsamee (valid trade license), Waraqaa ragaa galma’a VAT (Vat registration), Waraqaa ragaa lakk. addaa gibira (TIN no.registration), fi Waraqaa ragaa dhiyyeessumma (Supply list) orjinaala fi koppi isa dhiyyeeffachu kan dandeessan.

2. Sanadaa caalbaasii /ibsaa meeshaalee/ beeksisni kun gaazeexaa Addiis Zamanniin guyyaa maxxaanfamee bahe irraa calqabee guyyaa hojii 15 walitti anaaniif lootii tokkoon tokkoof qarshii Itiyoophiyaa hin deebiinee 200 (dhibbaa lama) karaa lakkoofsa herreegaa 10712158217 Baankii Siinqee maqaa waajjira Maallaqaa Aanaa Lumeetiin banameen galii gochuun waajjira Maallaqaa Aanaa Lumeetti kutaa lakkoofsa 4tti raga maallaqa itti galchiitan/advice/dhiyeefachuun sanadaa caalbaasii bitachuu kandandeessan.

3. Wabii Kabachiisa caalbaasii/CPO/meeshaalee dhummataa biiroo keessa fi barreeffama qr.20,000 (kuma digdama),meeshaalee Qulqulliina qr. 10,000(kuma kudhan) Meeshaalee Elektirooniksii fi kompitaraa qr.20,000 (kuma digdama), meeshaalee dhaabbii biiroo keessa /furniture/ qr.15,000 (kuma kudha shan) jijjiira konkolaataa meeshaalee motorsaayikiloota fi gommaa qr.10,000(kuma kudhan),uffata seeraa hojjettotaf qr. 10,000 (kuma kudhan) sanadaa caalbaasii orjiinaala deebbiistaan waliin saamsamee dhiyaachu qaba.

4. Sanadnii caalbaasii lootii lootiidhaan eergaa gati irratti guutame booda kophaa kophaattii orjinaalafi kooppii isaa poostaan samsuun hanga gaafa guyyaa 16ffaa galchuu kan dandeessan nata’e caalbaasichii sa’aati 4:30 cuufame guyyumaa sana sa’aatti 5:00tti bakka dorgomtootni ykn bakka buu’oonii seeraa qabeessa argamaanitti mooraa Waajjira Maallaqaa Aanaa Lumee kutaa Adeemsa bittaa, Bulch. fi dhaabamsisa qabeenya lakk.4ti kan banamu ta’a, mo’ataan caalbaasii beeksisaan kan ibsamuu ta’a.

 5. Dorgomtoonni manni kuusa isaanitti meeshaalee gaha kan qabani fi yoo mo’atani meeshoolii kaniin baasii isaanitiin geejibsisaani kutaa qabeenyaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Lumee magaalaa Mojootti argamutti gali godhu kan danda’ani.

6. Waajjirri filannoo foyyaa’a yoo argate caalbaasii kana gar tokkeedhan ykn guutummaan guututii haaqudhaaf mirgaa qaba. Odeeffannoo dabalataf lakk.bilibila:- 09104093190/0221160509/0910643128

Mootummaa N. Oromiyaati Godina Shawaa Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Lumee