2merkato.com (Apr 13, 2026)
Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Waajjiira Lafaa Magaalaa Shaggar
(Raadiyoo fi Televijiiniin kan dubbifamu)
Beeksisa Caalbaasii Liizii Lafa Marsaa 1ffaa
Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar, iddoowwan tajaajila adda addaatif qophaa’an kanneen Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Buraayyuu, Malkaa Noonnoo fi Furiitti argaman caalbaasiidhaan dorgomsiisee liiziin dabarsuu barbaada.
Sanada caalbaasii bitachuuf telebirr, toora intarneetii shaggarland.2merkato.com ykn shaggarland.afrotender.com seenuun onlaayiniin bitachuu fi sanadicha piirinti gochuun dorgomuu qabu.
Bittaa sanada caalbaasii Ebla 05/2018 irraa eegalee hanga Ebla 22/2018tti sa’aatii 10:00tti guyyoota hojii walitti aananitti raawwachuu dandeessu; dorgomtootni sanada deebii caalbaasii, CPO, ragaa dandeettii ijaarsaa agarsiisu, nagahee ykn isliipii kaffaltii sanada ittiin bitatan fi ragaalee biroo dabalataan qajeelfama dorgomtootaa irratti ibsaman poostaadhaan saamsuun hanga Ebla 22/2018 sa’aatii 11:30tti (waaree booda) naannoo Gootaraa/Kondominiyeemii Maammoo/Kolleejjii Poolii Tekinikaa Nifaas Silk fuuldura/ argama iddichaa (Google Location) https://maps.app.goo.gl/toCJZwKSxr2Sxckv7?g_st=awb iddoo Waajjiirri Lafaa Magaalaa Shaggar itti argamutti Gamoo Wiirtuu Tajaajila Tokkoffaa (MESOB) Magaalaa Shaaggar darbii jalatti saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.
Caalbaasiin kun dorgomtootni ykn bakka bu’ootni seeraa isaanii bakka argamanitti Ebla 28/2018 ganama sa’aatii 3:00 irraa eegalee guyyoota hojii 3 walitti aananiif Galma Waajjirichi Dhimma Kanaaf Qopheessutti kan banamu ta’ee, ibsi dabalataa isaa beeksisa keessaa irratti ni ibsama.
- Odeeffannoo bal’aa caalbaasichaa Gaazexaa Kallacha Oromiyaa fi Gaazexaa ‘Addis Zemen’ Ebla 08/2018 bahe irratti ilaaluun ni danda’ama. Dabalataanis, weebsaayitoota armaan olitti ibsaman irratti odeeffannoo kana argachuu ni dandeessu.
- Waajjiirrii kun filannoo fooyya’aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis ta’e guutummaatti haquuf mirgi isaa eegamaadha.
- Odeeffannoo dabalataatiif lakk. bilbila Waajjiira Lafaa +251-11-47-095-44 ykn +251-11-47-080-06 irraa argachuun ni danda’ama.
በሸገር ከተማ አስተዳደር የሸገር ከተማ መሬት ጽ/ቤት
(በሬድዮ እና በቴሌቭዥን የሚነበብ)
የ1ኛ ዙር የመሬት ሊዝ ጨረታ ማስታወቂያ
የሸገር ከተማ መሬት ጽ/ቤት ለተለያዩ አገልግሎቶች የተዘጋጁና በቆዬ ፈጬ፣ በቡራዩ፣ በመልካ ኖኖ እና በፉሪ ክፍለ ከተሞች የሚገኙ ቦታዎችን በጨረታ አወዳድሮ በሊዝ ለማስተላለፍ ይፈልጋል፡፡
የጨረታ ሰነድ ለመግዛት ቴሌብር (telebirr) በመጠቀም shaggarland.2merkato.com ወይም shaggarland.afrotender.com ድረ-ገጾች ላይ በመግባት በኦንላይን መግዛትና ሰነዱን ፕሪንት በማድረግ መወዳደር ይኖርባቸዋል፡፡
የጨረታ ሰነድ ግዢውን ከሚያዝያ 05/2018 ዓ.ም ጀምሮ እስከ ሚያዝያ 22/2018 ዓ.ም ቀን 10፡00 ሰዓት ድረስ ባሉት ተከታታይ የስራ ቀናት መፈፀም ይችላሉ፤ ተጫራቾች የጨረታ መልስ ማቅረቢያ ሰነድ፣ ሲፒኦ (CPO)፣ የግንባታ አቅም ማሳያ ማስረጃ፣ ሰነዱን ለመግዛት የከፈሉበትን የቴሌብር ደረሰኝ ወይም ስሊፕ እና ሌሎች መያያዝ ያለባቸዉና በተጫራቾች መመሪያ ላይ የተገለጹትን በፖስታ (በኤንቨሎፕ) በማሸግ እስከ ሚያዝያ 22/2018 ዓ.ም ከቀኑ 11፡00 ሰዓት ድረስ ንፋስ ስልክ ፖሊቴክኒክ ኮሌጅ ፊት ለፊት ወይም ጎተራ ማሞ ኮንዶሚኒየም አካባቢ የሸገር ከተማ መሬት ጽ/ቤት በሚገኝበት የሸገር ከተማ የአንድ ማዕከል አገልግሎት (MESOB) ህንፃ ምድር ቤት (በጉግል ቦታ ማሳያ) https://maps.app.goo.gl/toCJZwKSxr2Sxckv7?g_st= ለዚህ በተዘጋጀ የጨረታ ሳጥን ውስጥ ማስገባት አለባቸው፡፡
ጨረታው ተጫራቾች ወይም ህጋዊ ወኪሎቻቸው በተገኙበት ሚያዝያ 28/2018 ዓ.ም ከጠዋቱ 3፡00 ሰዓት ጀምሮ ለተከታታይ 3 የስራ ቀናት መስሪያ ቤቱ ለዚሁ ጨረታ ባዘጋጀው ቦታ ላይ የሚከፈት ሆኖ፣ ተጨማሪ ዝርዝር መረጃው በማስታወቂያ ይገለፃል፡፡
- የጨረታውን ዝርዝር መረጃ ሚያዝያ 08/2018 ዓ.ም በወጣው ከለቻ ኦሮሚያ እና አዲስ ዘመን ጋዜጣ ላይ መመልከት ይቻላል፡፡ በተጨማሪም ከላይ በተጠቀሱት ድረ ገጾች መረጃውን ማግኘት ይችላሉ፡፡
- ጽ/ቤቱ የተሻለ አማራጭ ካገኘ ጨረታውን በከፊልም ሆነ ሙሉ በሙሉ የመሠረዝ መብቱ የተጠበቀ ነው፡፡
- ለተጨማሪ መረጃ በመሬት ጽ/ቤቱ ስልክ ቁጥር +251-11-47-095-44 ወይም +251-11-47-080-06በመደወል መረጃ ማግኘት ይቻላል፡፡