Addis Zemen (Jun 29, 2026)
Beeksisa Caal-baasii Ifaa Biyyoolessaa Marsaa 1ffaa
Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa Kolleejjii Bar-noota Barsiisotaa Naqamteef Nyaata Barattootaa, Midhaan dheedhii fi biilaa, mi’eessituu adda addaa, midhaan daaksisuu feesisuu fi buusisuu, akkaataa barbaachisummaa isaatti nyaata bilchaatee dhiyaatu, qoraan(gindillaa) nyaata bilcheessuuf oolu sagantaa digiriif oolu dhaabbilee kallattiin eeyyama hojii dal-dalaa qaban wal-dorgomsiisee caal-baasii ifaatiin bituu bar-baada. Kanaafuu, dhaabbileen dhuunfaa fi waldaaleen (IMX) kan ulaagaa armaan gadii guutuu dandeessan dorgomuu ni dandeessu.
- Eeyyama kallattii kan qabu.
- Eeyyama haaromfame kan qabu, galmaa’aa VAT kan ta’e, TIN No.kan qabu,waraqaa ragaa dhiyeessummaa kan qabu.
- Waraqaa qulqullinaa waajjira Galii Godinaa, Magaalaa fi aanaa irraa kan dhiyeeffachuu danda’u.
- Muuxannoo gahumsa dhiyeessummaa kallattiin dhaabbata mootummaa bittaa raawwatu irraa ragaa barreeffamaa dhiyeeffachuu kan danda’u. Ykn waraqaa galatoomaa waajjira mootummaa bittaa rawwatu sadarkaa godinaa, naannoo ykn federaalaa irraa ragaa dhiyeeffachuu kan danda’u.
- Dorgomtootni sanada caal-baasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluun beeksifni guyyaa gaazexaa irratti maxxanfamee irraa eegalee guyyoo-aan ta walitti aanan 15 (kudha shan) keessatti kan fudhatu.
- Dorgomtoonni Wabii Kabachiisa Caal-baasii Qar. 100,000 (kuma dhibba tokko) wabii baankii haala irratti hin hun-doofne qofaan dhiyeeffachuu kan qabu.
- Dorgomtootni sanada caal-baasiichaaf qopha’ee Orjinaala Teekinika fi Faayinaansii orijinaala poostaa adda addaan akkasumas Kooppii tekiniikaa fi Faayinaansii Poostaa adda addaatti samiidhaan(gagaadhaan) saamsuun walii gala id-doo tokkotti kan olitti ibsame poostaa guddaa tokko kees- sattii sanada gurguramee tokkoon tokkoo sanadichaa irratti mallattoo taasisuun, maqaa dhaabbataa, maqaa hogganaa ykn qaama aangoo qabuun guutuun, chaappaa fi teessoo barbaachisu irrattii barreessuun gaafa gaazexaa irratti maxx-anee ka’ee guyyaa walitti aanu 16ffaattii sa’aatii 4:00tti a galee gaafuma sana ganama sa’atii 4:30tti banama.
- Dorgomaan mo’ate kabachisaa waliigaltee 10% bittaa walii galaa keessaa rawwachuu ni dirqama.
- Waajjirichi carraa biraa yoo argate caal-baasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquuf mirgi isaa kan eegamedha.
Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Bilb.: 0576611333KBN
Waajjira Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa