Addis Zemen (Jul 26, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
Godina Harargee Bahaattii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Malkaa Baloo bara bajataa 2019 keessatti seektaroota A/M/Bal’ootiif meeshaa dhaabbataa, meeshaa qulqullinaa, meeshaa dhumataa, gommaa konkolaataa, uffata seeraa, meeshaalee kolleejjiifi eleektirooniksii dorgomtoota ga’umsa qaban caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bituu barbaada.
Kanaafuu dorgomtoota caalbaasicha irratti hirmaatan irraa ulaagaaleen barbaachisan.
1. Ragaa hayyama daldalaa kallattiifi kan haroomfameekan qaban.
2. Galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaa/VAT/galmaa’aa kan ta’eefi 50% ykn 7.5% kan Aanaa ittiin dorgomeef kaffaluu danda’u.
3. Gibira mootummaa bara 2019 kaffalee kan jiru.
4. Tarreeffamma dhiheessitoota keessatti galmaa’uu kan mirkaneessu waraqaa ragaa kan qaban.
5. Sanadni dorgomaa kamiyyuu haqaafi laaqaa yoo qabaate kufaa taha.
6. Dorgomtoota dhuunfaas ta’ee IMXn dorgommii irratti hirmaatan kabachiisa caalbaasii yoo fiduu baatan dorgommii irratti hirmaachuu hindanda’ani.
7. Dorgomtoonni beeksisa caalbaasii gaafa guyyaa 20/11/2018 hanga 8/12/2018 qarshii hin deebine 1000(Kuma tokko) kaffalUun sanada caalbaasiin Waajjira Maallaqaa A/M/Bal’oo dhuftanii bitachuu kan danda’u.
8. Dorgomtootni ragaafi gatii meeshaa orijinaalaafi koppii addaan baasuun poostaa adda addaatiin dhalleessuu qabu.
9. TIN Namberii qabaachuufi kabachiisa caalbaasii qarshii 10,000/ Kuma kudhan/baankii beekameen cheekii ykn/CPO/ qabsiisuu kan danda’an.
10. Saanduqni caalbaasii gaafa guyyaa 8/12/2018 sa’aatii 8:00 irratti saanduqni caalbaasichi itti darbamu ni cufama.
11. Saanduqni caalbaasii gaafa 8/12/2018 sa’aatii 8:30 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraqabeessaa argamanitti caalbaasichi ni banama.
12. Mo’ataan meeshaa barbaadamu geejiba baasii isaatiin hanga Waajjira Maallaqaa Aanaa Malkaa Bal’oo dhaleessuu kan danda’u.
13.Waajjirichi filmaata biroo yoo argate caalbaasicha gartokkeenis ta’ee guutummaan guutuutti haquuf mirga ni qaba.
14.Yaada dabalataaf lakkoofsa bilbilaa 0937 726 025 / 0922 010 770 bilbiluudhaan gaafachuu ni dandeessu.
Godina Harargee Bahaattii Waajjirri Maallaqaa Aanaa Malkaa Baloo