Addis Zemen (Aug 31, 2026)
Beeksisa Caalbaasii
Bulchiinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaala kuraa Jiddaatti waajjirri Maallaga Aanaa Dirree Sokorruu baajatoa bara 2019
keessa Meeshaalee tajaajilaaf oolan kan akka :-
- Meeshaalee barreessaa
- Meeshaalee Elektirooniksii
- Meeshaalee Dhaabbii Biiroo keessaa (Ferniture)
- Meeshaalee Qulqullinaa Motor-Saayikilii
- Gommaa konkolaataa
- Gommaa Motor Saayikilii caalbaasii ifaadhaan dorgomtoota ulaagaa guutan waliin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dhaabbatni/daldaltoonii ulaagaalee armaan gadiitti ibsaman guuttan dorgomuu ni dandeessu.
1. Eeyyama hojii daldalaa kan bara 2019 kan haaromsee fi Gibiraa waggaa bara 2018 kan kaffalee ta’uu fi ragaa kan dhiyyeeffachuu danda’u.
2. Waraqaa ragaa dhiyyeessummaa dhiyyeeffachuu kan danda’u
3. Ragaa VAT fi TIN dhiyyeeffachuu kan danda’u.
4. Adabbii bittaa mootummaa irraa kan hin dhorkamnee fi yoo dhorkame yeroo dhorkaa isaa kan fixee fi ragaa dhiyyeeffachuu kan danda’u.
5. Tokkoon tokkoon kabachiisa caalbaasiidhaaf qarshii 20,000(kuma digdamaa) CPO baankii Siingee irraa hojjechiisee dhiyyeessuu kan danda’u.
6. Dorgomaan erga mo’atee booda kabachiisa waliigaltee gatii meeshaalee mo❜atee walii gala irraa 10% qabsiisuu kan danda’u.
7. Dorgomaan caalbaasii mo’atee dhiyaate waliigaltee mallateessuuf guyyaa shan(5) gidduutti fedhii kan gabuu fi meeshicha guyyaa 15 keessatti baasii mataa isaatin hanga waajjira Maallaqaa Aanaa D/Sokorruutti dhiyyeessuuf fedhii kan qabu.
8. Dorgomaan meeshaa barbaadame baay’inaa fi qulqullina isaa kan eeggate dhiyyeessuf dirqama qaba.
9. Dorgomaan meeshaa qulqullina hin qabne yoo dhiyyeesse koreen ilaalee yoo kuffise baasii mataa isaatiin fudhatee meeshaa quiqullina qabutti jijjiiree fiduu qaba.
10. Gatiin meeshaalee guutamuu gabu akkaataa sanada caalbaasii irra jiru yoo ta’u gatiin guutamuu qabu VAT 15% dabalatee yookin VAT 15% waliin ta’uu qaba, dorgomaan VAT 15% itti dabalii yookin immoo VAT 15% malee jedhee yoo galche kan hin dorgomsiisne ta’uu beeku qaba.
11. Dorgomaa kamiyyuu gatii guutame irratti hundaa’ee nan dorgoma yoo jedhe fudhatama hin qabu.
12. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti mallattoo, teessoo fi chaappaa itti gochuundhaan sanada terkinikaa originala jechuun irratti barreessun poostaa tokko qofatti fi sanada gatii ykn Faayinaansii originala jechuun irratti barreessuun poostaa tokkoo qofatti fi kuppii teekinikaa fi koppii faayinacnsi poostaa tokkoon qofaatti irratti barreessun walii gala poostaa sadii(3) iddoo tokkotti poostaa guddaa tokkoon saamsamee saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa’e keessa galchuu ni dandeessu.
13. Dorgomaan meeshaa dhaabbii biiroo keessaa ykn “Furniture” irratti dorgamee yoo mo’ate meeshicha waajjiratti erga fiidee booda hidhee wal harkaa fuchaan godhamaa.
14. Sanada caalbaasii gatii dorgomamu irratti haqamaa fi laaqamaa kan hin qabne fi yoo qobaate fudhatama hin qabu, akkasumas gatiin gutamu kan dubbifamu ta’uu qaba.
15. Waajjirichi baayyina meeshaa gaafatame irratti %20 dabaluu fi hir’isuuf, mirga quutuu qaba.
16. Caalbaasiin kun Gaazexaa Addis Zemen irratti gaafa guyyaa 25/12/2018 maxxanfamfe irraa eegalee Guyyoota hojii 15f (kudha shan) qilleensa irra turuun gaafa guyyaa 16 ffaa (kudha jahaffaa) ganamaa sa’aa 4:00 tti cufamee guyyuma sana sa’aa 4:30 tti ni banama.
17. Waajirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis ta’ee guutummaan guututti haquuf mirga guutuu qaba.
18. Bakka sanadni itti argamu waajjira Galiiwwan Aanaa Dirree Sokorruu yoo ta’u gatiin sanada tokkoo qarshii hin deebine 500(dhibbaa shan) waajjira Galii Aanaa Dirree Sokoruutti lakk herreega baankii Siinqee 1065057261219 irratti Galii gochuun nagahee baankii qabachuun sa’aati hojii mootummaatti achuma waajjira Galii Aanaa D/Sokorruutti sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessuu.
Odeeffannoo dabalataaf lakk, Bib. 0912686632/0929950026/
Bulchiinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaala kuraa Jiddaatti waajjirri Maallaga Aanaa Dirree Sokorruu