Addis Zemen (Sep 04, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti Aanaa Dambal Xaafoo Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo bara bajataa 2019 tiif kan oolu
- meeshaalee uffata seeraa,
- meeshaalee barreessaa,
- meeshaalee qulqullinaa,
- meeshaalee biiroo keessaa,
- meeshaalee dhaabbii fi eleektirooniksii adda addaa, gommaa konkolaataa fi motoraa saaayikilii caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dorgomtoota ulaagaa armaan gadii guutan ni affeerra.
Ulaagaan barbaachisu:-
1. Eeyyama daldalaa seera qabeessa kan qabuu fi gibira mootummaa kanfaluun eeyyama isaa kan haromsiise.
2. Dorgomaan galmaa’aa VAT fi taarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa’uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda’u.
3. Dorgomaan IMX’n ijaaramanii jiranis ta’ee; dhuunfaan kabachiisa caalbaasii/CPO gatii ittiin dorgomuuf guute ida’ama waliigalaa irraa 1% qarshii isaa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafootiin nagahee isaa sanada caalbaasii waliin wal qabsiisee galchuu qaba.
4. Dorgomtootni dhuunfaas ta’e, IMXn kanaan dura caalbaasii ifaa bara bajataa 2018 Waajjirri keenya baase irratti dorgomuun mo’attanii waliigaltee raawwachuu fi meeshaalee nuuf galchuu diddan caalbaasii H kana irratti hirmaachuu kan hin dandeenye ta’uu.
5. Dorgomtootni beeksifni caalbaasii kun guyyaa gaazexaa irratti X bahe irraa eegalee itti fufinsaan guyyoota hojii 15 keessatti Waajjira Maallaqaa A/Dambal Xaafootti sanada caalbaasii qarshii hin deebine 500 (dhibba shan) 1065049270312 tiin bitachuu ni dandeessu.
6. Dorgomaan sanada caalbaasii bitee yennaa deebisu Orijinaala poostaa tokkoon fi koppii isaa poostaa tokkoon adda addaan envelooppii /seemiidhaan/saamsuun lamaan isaa immoo poostaa tokkoon saamsuudhaan deebisuu qaba.
7. Caalbaasiin kun guyyaa beeksifni bahee irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shaniif) qilleensarra erga oolee booda gaafa guyyaa 16ffaa guyyaa keessaa sa’aatii 8:00 irratti cufamee sa’aatii 8:30 irratti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafootti bakka dorgomtootni ykn bakka bu’ootni isaanii argamanitti ni saaqama. Yoo argamuu baatanis eeguuf hin dirqamnu. Guyyaan baninsa caalbaasichaa guyyaa ayyaanaa ykn cufaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanutti yeroo fi bakka jedhametti ni saaqama.
8. Mo’ataan meeshaalee mo’atee hundumaa otoo waliigaltee hin mallatteessiin saamuda/sample dhiyeessuuf dirqama qaba.
9. Kabachiisa waliigalteef gatii waliigalaa ittiin mo’ate irraa 10% qabsiisuu qaba.
10. Waajjirichi carraa fooyya’aa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeen ykn guutummaan haquuf mirgi isaa eegamaadha.
11. Baay’ina meeshaalee dhiyaate irratti dabaluus ta’ee hir’isuun ni danda’ama.
Hubachiisa:- Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee mo’ate bakkaa fi yeroo jedhame keessatti geejjibsiisuun Waajjira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo Kutaa Qabeenyaa ykn Meeshaatti/ galchuu qaba.
Teessoo:- Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo AanaaDambal Xaafoo
Waajjira Maallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo{ Naannoo CCD}
Laga Xaafoo Laga Daadhii
Lakkoofsa bilbilaa:- 09 27 81 20 93/09 84 56 68 45
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo Aanaa Dambal Xaafootti Wajjira Mallaqaa Aanaa Dambal Xaafoo