Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Elektrooniksii, Meeshaalee Biiroo, Meeshaalee Dhumatoo Biiroo, Meeshaalee Qulqullinaa, Goommaawwani fi Baatiriiwwan Konkolaattota Garagaraa, Meeshaalee Hojii fi Uffata Seeraa Hojjattootaa fi Baajaajii fi Mootar Saayikilii Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Duukam Lakk. 1/2019 – test3.diretenders.com

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Elektrooniksii, Meeshaalee Biiroo, Meeshaalee Dhumatoo Biiroo, Meeshaalee Qulqullinaa, Goommaawwani fi Baatiriiwwan Konkolaattota Garagaraa, Meeshaalee Hojii fi Uffata Seeraa Hojjattootaa fi Baajaajii fi Mootar Saayikilii Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Duukam Lakk. 1/2019


Addis Zemen (Sep 16, 2026)

BEEKSISA CAALBAASII IFAA BITTAA MEESHAA LAK.1/2019

Waajjirri Maallaqaa Kutaa Magaalaa Duukam Bara Baajata 2019 Manneen Hojii Sadarkaa Kutaa Magaalaatti Argamanii fi Anaalee Kutaa Magaalichaa jala jiraniif Bittaa Meeshaalee adda addaa:

  • 1. Meeshaalee Elektrooniksii
  • 2. Meeshaalee Biiroo(Furniture)
  • 3. Meeshaalee Dhumatoo Biiroo keessaa
  • 4. Meeshaalee Qulqullinaa
  • 5. Goommawwani fi Baatiriwwan konkolaattota garagaraa
  • 6. Meeshaalee Hojii fi Uffata Secraa Hojjattootaa fi
  • 7. Baajaajii fi Mootar Saayikilii

Caalbaasii Ifaatiin waldargomsiisee Bituu barbaada. Ulaagaalee Barbaachisan:

i. Heyyama daldala kan haroomfame dhiyeessuu kan danda’u.

ii. Ragaa Galmaa’a VAT ta’uu isaa ibsu kan dhiheeffachuu dandahan.

iii. Lakkoofsa cenyummeessaa kaffalaa gibiraa (TIN) kan dhiyeessuu danda’u. 

 iv. Ragaa Galmee Dhiheessummaa irratti galmaa’uu isaa dhiheeffachuu kan danda’u.

1. Dorgomtoonnii sanada Caalbaasii isaanii sirriittii guutuun ragaalee armaan olittii ibsaman osoo hin harcaasin Ragaa Tekniikaa (lak. i-iv ibsaman) waliin gochuun Poostaadhaan Orjinaalaa fi Koppii addaa addatti postaadhaan saamsuun dhiheessuu akka qabu fi akkasumaas Dokumantiin Faayinaansii Gosoota Dorgommii tokko tokkootiin Sanada Dhiheessa yaada dorgommii irratti chaappaa isaaniitiin mirkaneessuun Orjinaalaa fi Koppii adda addatti postaadhaan saamsuun Isteeppilaraan walqabsiisuun Sanduuga dhimmi kanaaf qophaa’e keessatti hanga gaafa guyyaa fi Sa’aatii dhuma caalbaasichaatti galchuu ni danda’u.

2. Caalbaasii kun kan qilleensarra turu gaafa beeksifni kun bahe irraa kaasee Guyyoota walitti aanan 15’f ta’a. Sanada caalbaasii qophaa’e Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Duukam Gamoo Bul/Ku/Magaalaa Duukam Darbii 2nd Floor Kutaa Bittaa irraa Ganama Sa’aatii 2:30-6:30tti Waaree Booda Sa’aatii Saa’tii 7:30 irraa hanga Sa’aatii 11:30tti Guyyoota Caalbasichi qilleensa irra turu keessatti fudhachuun
dorgomuu dandeessan.

3. Gosa Sanada Dorgommii tokkoof qarshii hin deebine Qr.300.00 Baankii Sinqee Lak.Herrega Baakii Galil Mana Qopheessaa Kutaa Magaalaa. Duukamitti(1054547081217) galchuun Nagahee itti Murame dhiheessuudhaan fadhattanii dorgomuu ni dandeessu.

4. Dorgomaan kamiyyuu Wabumaan Kabachiisa Caalbaasiitiif qabsiifamu tokko tokko Gosa Dorgommiif CPO Qar.30,000.00 daangaan yeroo isaa ji’a jaha(6) ol kan ta’e qabsiisuu qaba. CPO immoo kophaadhatti Poostaadhaan saamsamee Poostaa Sanada Dorgommii Caalbasichaatiin Isteeppilaraan walqabsiisuun dhiheessuu qaba.

5. Poostaawwan Dorgommicha qabatanii dhihaatan kamiyyuu Gosa Dorgommii fi qabiyyee Sanada of-keessatti qabate kan ibsuu fi haala Odeeffannoo guutuu dabarsuu danda’uun dhihaachuu qaba.

6. Dorgomtoonni yaada Fooyya’insaa yoo qabaatan guyyaa Banaminsa Caalbaasiin dura guyyaa 5 duursa dhiheessuu ni danda’u.

7. Sanadni caalbaasii kan itti Cufamee fi Banamu gaafa guyyaa 16ffaa ganama sa’aa 4:30tti cufamee sa’aatii 5:00ttii iddoo dorgomtootni YKN bakka bu’oonni isaanii iddoo argamanittii ifattii ni banama. Akkasumas Dorgomtoonnii YKN bakka bu’oonnii isaanii baniinsa caalbaasii irrattii argamuu dhabuun isaanii adeemsa caalbaasichaa kan hin gufachiifne ta’uu isaa. Iddoon Sanadni Caalbaasichaa itti Cufamee Banamu Bulchinsa Magaalaa Bishooftuu, Kutaa Magaalaa Duukamitti W/ra Maallaqaa K/ Magaalaa Duukam Gamoo Bul/Ku/Magaalaa Duukam Darbii 2 Floor Kutaa 1/ Gaafatamaa Waajjirichaatti ta’a.

8. Dorgomaan guyyaa fi Sa’aatii dhuma Caalbaasichaa dabarsee dhufe hin keessummeeffamu.

9. Guyyaan baninsa caalbaasii ayyaana YKN sanbataa yoo ta’e guyyaa hoji ittii aanu sa’aatii walfakkaatu irrattii ni banama.

10. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutummaan guututtii YKN gar tokkeen haquuf mirga qabu.

Mob: 0947400984/0931050285/0913362581
Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti W/ra Maallaqaa K/Magaalaa Duukam