Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Hojii Daandii
Waajjira Maallaqaa Aanaa Saxxammaa bara baajataa 2019 Maashinoota adda addaa (Gireedara, Iskaabatara, Ruulloo, sinootraakii baayyina 1-6,Shawori Traakii, Doozarii, Double pick upi) mala caalbaasii ifaatiin Dorgoomsiisee Hojii Daandii Hojjachiifachuu barbaada.
Innis;-
1.Dorgoomtooni dheehesuudhaaf kan isaan barbaachiisuu (kan dandeesisuu) eeyyama daldalaa seera qabeesa ta’ee kan qabanii fi eeyyama daldala isaanii kan haaroomsan gibira bara baajataa 2019 kan kaffalanii fi ragaa isaanii Orjiinaala fi waraabbii isa walbiraa qabanii dhiheeffachuu kan danda’aan ta’uu qaba.
2. Dorgoomtooni waraqaa faacatii dhiheesitoota ittin galmaa’uu isaanii mirkaneessu dhiheeffachuu qabu.
3. Dorgoomtooni lakkoofsa Tiini qabaachuu isaaniif ragaa dhiifachuu qabu.
4.Dorgoomtooni waraqaa kaffaltii dabalata qabeenyaa TIN fi (VAT) kan galmaa’aan yoo ta’e galmaa’uu isaanii kan miirkaneessu dhiheeffachuu qabu.
5.Dorgoomtooni gosa Maashina dorgooman irratti abbuumaa kabachiisaa caal-baasiif kan oolu qarshii Itoopiyaa Baanki Daldala Itoopiyaa irra fi Baanki biroo irra fidachuun kan mirkana’ee CPO ykn calladhaan qarshii 10,000 (kuma kudhan) kan dhiheessuu danda’aan.
6. Sa’aati 6:00 irratti cufiinsi sanduuqa raawwatee gaafuma sana sa’aatii 8:00 irratti dorgoomtooni ykn bakka bu’oonni isaanii argamaniti ni banama.
7.Dorgoomtooni sanada bitachuu barbaadan waajjira A/T/Galiwwaanii A/Saxxammaa irra qarshii hin deebinee Qr. 500/dhibba shan/kaffaluun bitachuu ni danda’uu
8.Mo’ataan Maashiinoota hundayuu waajjira Mallaqaa A/Saxxammaaa duratii kan dhiheesu
9. piikapii malee maashina irrati mo’ateef boba’aa kan dhiheesuu danda’uu
Hubachiisa caalbaasiin kun qileensara kan inni turu fulbaana 1.bara 2019 hanga fulbana.22.bara, 2019.kan turu ta’uu isaa isiin hubachiifna
Waajjira Mallaqaa Aanaa Saxxammaa.