Godina Gujiitti Waajjirri Máallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuu bara baajataa 2019tti seektaraalee fi gandoota aanichaaf meeshaalee bituu barbaada. – test3.diretenders.com

Godina Gujiitti Waajjirri Máallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuu bara baajataa 2019tti seektaraalee fi gandoota aanichaaf meeshaalee bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)

Beeksisa Caalbaasii

Godina Gujiitti Waajjirri Máallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuu bara baajataa 2019tti seektaraalee fi gandoota aanichaaf meeshaalee Isteeshinerii, meeshaalee elektirooniksii, uffata seeraa hojjattoota mootummaa, Goommaa konkolaataafi motor-saayikilii, meeshaalee dhaabbii faarnicherii caalbaasii ifaatiin wal dorgomsiisee bituu barbaada.

Ulaagaa dorgommii beeksisaa caalbaasii

1.Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanitiin heeyyama daldalaa bara kana haaromsame seera qabeessaa ta’ee gibira bara kana itti kaffalan waraqaa ragaa dhiyyeessummaa footoo kooppii isaa sanadaa caalbaasii waliqabsiisee dhiyyeessuu qabu

2.Dorgomtootni dhiyaatan galmaa’aa taaksii dabalataan (VAT) galmaa’uu isaatiif raga footoo kooppii dhiyyeesuu kan danda’an ta’uu qaba.

3.Dorgomtootni sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun ba’ee eegalee yeroo hunda sa’aatii hojii maallaqaa hin deebine qarshii 100 (dhibba tokko) kaffalluun kutaa bittaa waajjira keenyaatti dhihaachuun sanadicha bitachuu ni danda’u.

4.Dorgomaan kamiyyuu kabachiisaa caal-baasiif kan oolu qar .5000 (kuma shan) maqaa waajjira maallaqaa aanaa haroo wolaabuutiin cheekii (CPO) Baankiin mirkana’ee sanada orjinaala caalbaasichaa walqabsiisee dhiyyeessu qaba.

5.Dorgomtootni sanadaa saamsameen orjinaalaa fi kooppii adda baasuun hanga guyyaa, 27/01/2019 sa’aatii 6:00’tti Waajjirra Maallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuutti sanaduqaa caalbaasicha kanaaf qopha’e keessa galchuu qabu.

6.Calbaasichaai gaafa guyyaa 27/01/2019 sa’aatii 8:30’tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma bulchiinsaa aanaa haroo wolaabuu keessaatti banamu qaba.

7.Mo’ataan caalbaasii meeshaalee itti mo’ate hunda hanga waajjirra maallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuutti dhiyyeessuu qaba.

8.Waajjirrichi filanno fooyya’ee yoo argate caalbaasicha guutumaa guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaaf seeraan kan eegameedha.

Odeffannoo dabalataaf 09106460 Godina Gujiitti

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Haroo Wolaabuu