Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1ffaa Bittaa Meeshaalee Bara Baajata 2019
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Manni Murtii Ol’aanaa Godina Boorana Bahaa Bara Bajaata 2019tti hojii Mootummaatiif Bittaa Meeshaalee dorgomtoota Wal-dorgomsiisee caalbaasii ifaatiin Meeshaalee Dhaabbii Farnichaaraa, Elektrooniksii, Goommaa Konkolaata fi Doqdoqqee, Meeshaalee Barreefamaa, Meeshalee Qulqullinna, Uffata Seeraa taajajjila Mana hojichaaf barbaachisu bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni hirmachuu barbaaddan bu’uura ulaagaa kanaa gaditti ibsameen dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
1.Dorgomtootni Kallattii hojii daldala isaanitiin heyyamaa daldalaa haroomfamee fi seera qabeessa ta’eb kan gibirri bara 2019 ittin kaffalame,tarree dhiyeessitoota meeshaa Ministeera maallaqaan taa’e keessatti kan ibsamee fi Lakkofsa TN Fotookooppii isaa Sanadaa caalbaasii waliin wal qabsiisuun dhiyeesuu qabu.
2.Dorgomtoonni dhiyaatan meeshaa dhiyeessan irratti hundaa’uun galma’aa taaksii dabalataa (VAT) galma’uu isaanitiif raga garagalcha dhiyeeffachuu kan danda’an fi 7.5% kutee waajjiraa Maallqatti galchuuf dirqama qabu.
3.Dorgomaan gatii meeshaa dhiyeessuu maqaa,mallattoo fi chaappaa dhaabbata isaan ifatti barreessee raga haadhoo fi garagalcha poostaan samsee dhiyeessuuf dirqama qaba.
4.Dorgomtootni Sanada caalbaasii guyyaa beeksifni gaazeexaa kallachaa Oromiyaatiin bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 keessaatti yeroo hojii Mootummaa ta’e keessaatti gosa sanadaa caalbaasii tokko tokko isaaf mallaqaa hin deebine qarshii 200.00(Dhibbaa Lama) kaffaluun Adeemsa bittaa Mana Murtii Ol’aanaa Godina Booranaa Bahaa lakk. 8 ittii dhiyaachuun sanadaa bitachuu ni danda’u.
5.Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif kan oluu gatii tilmaamaa bittaa waliigala irraa 2% maqaa dorgomaa CPO ykn cheekii baankiin mirkanaa’e sanadaa haadhoo caalbasichaa waliin wal qabsiisee dhiyeesuuf dirqama.
6.Dorgomaan kamiyyuu ragalee haadhoo yeroo gaafatamutti dhiyeessuuf dirqamaa qabu.
7.Dorgomtootni sanadaa caalbaasii meeshaalee dhaabbii/Furniture/,meeshaalee elektrooniksii bittaa uffataa Seeraa.meeshaalee barreefamaa,meeshaalee qulqulinnaa,maxxansaalee, meeshaalee dhaabbii xixxiqoo biiroo keessaa Poosta Saamsaamee haadhoo fi kooppii addaa baasuun guyyaa beeksisni bahee qilleensarra oolee kaasee guyyaa 15 keessatti guyyaa hojii sa’ati 2:30 hanga sa’ati 11:30 sanduqaa poostaa caalbaasichaa kanaf qaphaa’e keessa galchuu qabu.
8.Dorgomtoonni caalbaasiin banamuun duratti meeshaa dhiyeessuuf sample / naamunaa / dhiyeessuuf dirqama qaba.
9.Baasiin fe’umsaa fi geejjibaaa dorgomaa caalbaasichaan kan uwwifamuu dha.
10. Meeshaaleen armaan olitti ibsamee dorgomtootni sanada Caalbaasichaa guyyaa 23/01/2019 sa’ati 08:00 dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii akkasumaas tajjabdoonni bakka argamanitti Mana Murtii Ol’aanaa Godina Booranaa Bahaa keessaatti banama.
11. Mo’ataan Caalbaasii akkatama waaligaltee Mana Murtii Wajjin waliigaleen kan raawwatu ta’a.
12. Afaan Caalbaasichaa ittiin gaggeeffamu Afaan Oromoo ti.
13. Manni hojii Filannoo fooyya’e yoo argate caalbaasicha guutummaan guututti ykn gar tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa
seeraan kan eegamee dha. Odeefannoo Dabalataatiif Lakk. Bilbilaa 0464450412 ykn 0928800336 Mana Murtii Ol’aanas
Godinaa Booranaa Bahaa Nageeliee Booranaa