Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa meeshaalee adda addaa bituu barbaada.


Kallacha Oromiyaa (Nov 26, 2026)

Godina Oromiyaa Kibba Bahaa

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 02/2019

Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa, Bittaa Meeshaa fi Tajaajilaa lootii 1-3 irratti ibsaman caalbaasii ifaadhaan bituu barbaadaa,

  • Lootii 1 ffaa jalatti jiran Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii Dhumataa, Gommaa fi Baatirii Dhaaabbii Biiroo Konkolaataa, Meeshaalee Ijaarsaa, Meeshaalee keessaa Farniicharoota fi Meeshaalee Eeleektrooniksii,
  • Lootii 2ffaa jala jiran,tajaajila Rifireeshimantii, tajaajila Fe’iinsa Gogaa,, Suphaa Meeshaalee Elektirooniksii, Bittaa Uffata Seeraa fi tajaajila hodhaa uffata seeraa
  • Lootii 3ffaa, Tajaajila Maxxansa Nagahee fi maxxansaalee adda addaa Caalbaasii ifaatiin dhiyeessitoota gahumsaa fi dandeettii qaban, ulaagaalee dorgomii armaan gaditti ibsaman guutuu danda’an irraa wal-dorgomsiisee bituu barbaada.

Haaluma kanaan;

1. Dorgomtoonni Caalbaasicha qoodachuuf Eeyyama Hojii daldalaa kallattii qaban bara 2018/2019 tiif kan haaromee fi kanaafis Ragaa dhiyeessuu kan danda’an

2. Gibira Mootummaa kan bara 2018 kan kaffalanii fi kafaluu isaaniifis Ragaa dhiyeefachuu kan danda’an,

3. Dorgomtoonni Caalbaasicha irratti hirmaachuuf waraqaa raga dhiheessummaa (Supplier list), Ragaa TIN fi VAT dhiyeessuu kan danda’an ta’uu qabu

4. Dorgomaan kamiyyuu Kabachiisa Caalbaasii Lootii 1ffaa M/barreessaa (6212), M/dhaabbii dhumataa (6219), M/ qulqullinaa(6218), Gommaa fi Baatrii Konkolaataa (6241) Meeshaalee Ijaarsaa(6244), Farniicharaa Eelektirooniksii (6313) kabachiisa Caalbaasii CPOn qr. 100,000.00 (kuma dhibba tokko), lootii 2ffaa tajaajila Rifireeshimantii (6233,6271), tajaajila fee’iinsa gogaa (6255), Tajaajila Suphaa meeshaalee eleektirooniksiif (6243), bittaa Uffata seeraa fi tajaajila hodhaa uffata seeraa (6211) tokkoon tokkoof kophaa kophaatti kabaachiisa Caalbaasii CPOn qar. 50,000.00 (kuma shantama), lootii 3ffaa, Tajaajila maxxansa Nagahee fi maxxansaalee adda addaa (6213) kabaachiisa Caalbaasii CPOn qar.200,000.00(Kuma dhibba lamaa) Maqaa Waajjira karooraa fi Maallaqaa Godina kibba bahaa Oromiyaatiin kophaa kophaatti qabsiisee Sanada Caalabaasii teeknikaala Orijinaala wajjin dhuyeefachuu qaba.

5. Dorgomtoonni Guyyaa Beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyoota Hojii walitti aanan guyyoota 10f Sa’aatii hojiiitti Sanada Caalbaasichaa qarshii hin deebine lootii Iffaaf qar. 500 (dhibba shan) lootii 2ffaa fi 3ffaa qarshii 200(dhibba lama) lakkoofsa Herrega Baankii Siingee maqaa Waajjira karooraa fi Maallaqaa Godina kibba bahaa Oromiyaatiin baname lakk. 1120657291210 tti galii tasiisuun sanada caalbaasii Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa darbii 1ffaa kutaa Lakk 10tti dhiyaachuun bitachuu kan dandeessan ta’u,

6. Dorgomtoonni sanada isaanii irratti maqaa fi teessoo guutuu akkasumas Chaappaa dhaabbatichaa sanada irratti dhahuun qajeelatti barreessanii mallatteessuu qabu.

7. Dorgomtooni sanada dorgommii isaanii akkaataa saamsanii dhiheessuu gaban: Sanada Faayinaanshaalaa Orijinaalaa(Haadho),Sanada Faayinaanshaalaa Koppii, Sanada Teekniikaalaa (Trade license, TIN numbers & VAT registration certificate, EGP supplier list, Tax Clearance, CPO and other technical document) poostaa sadiin (3) saamsuun Maqaa dhaabbata dorgomee, chaappaa dhabatichaa, Mallattoo Qaama dorgomee, gosa sanada dorgommii poostaa irratti barreesuun saamsamee dhiyaachu qabaa.

8. Dorgomtootni Meeshaalee Eleektirooniksii, Uffata seeraa fi Kophee, irratti dorgomtan Saamuuda guyyaa caalbaasiin banamu guyyaa tokko dursuun Waajjiratti Lakk. 10tti dhiheefachuu qabu.

9. Dorgomtootni Nagahee galii ishuuraansii Fayyaa fi Waraqaa Eenyummaa IFH dhiheessuuf dorgoman akkaataa saamuuda Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Kibba bahaa Oromiyaa dhiheesun ilaaluun dorgomuu qaban.

10. Injifataan Caalbaasichaa bu’uuruma qajeelfama dorgomtootaatiin akka xalayaan Injifannoo barreeffamaan isaanii ibsameen kabachisiisa caalbaasii waliigaltee 10% qabsiisuu qaban hunda qabsiisuun waliigaltee waajjiricha waliin mallatteessuu qabu.

11. Sanadni caalbaasii kan banamu guyyaa hojii beeksiisnii bahee irraa kaasee guyyoota 10 qilleensa irraa oolee gaafa guyyaa hojii 11ffaa Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa magaala Roobee tti darbii 1 ffaa, Lakk. 11tti Saa’aa 4:00 irratti saanduqni caalbaasii saamsamee guyyama kana saa’aa 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu’oonni seera qabeessa ta’an argamanitti Caalbaasichi ifaan banama haa ta’u malee guyyaan baniinsa ayyaana yookiin cufaa yoo ta’e guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta’uu.

12. Waajjirichi Filannoo addaa yoo argate Caalbaasicha gutumaan guututti ykn gartokkeen haquuf mirga qabaa.

Odeeffannoo Dabalataaf Lakk.Bilbilaa 022-665-0042 ykn 022-665- 0559

Waajjira Karooraa fi  Maallaqaa Godina Kibba Bahaa Oromiyaa

Magaala Roobee