Your cart is currently empty!
Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Beddellee meeshaalee tajaajilaaf oolan meeshaalee barreeffamaa, elektirooniksii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi’eessituu, foon sangaa buruundoo, hanqaaquu duudaa kan lukkuu, biyyaa keessaa fi kan lukkuu faranjii, gindillaa fi fuduraafi muduran calbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada
Addis Zemen(Sep 03, 2025)
Please read the detailed instructions below. ከስር የተቀመጠውን እያንዳንዱን መረጃ በጥንቃቄ ያንብቡ።
Beeksisa Callbaasii
Naannoo Oromiyaatti Mannii Barumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Beddellee Bara Baajataa 2018 meeshaalee tajaajilaaf oolan meeshaalee barreeffamaa, elektirooniksii, qulqullinaa, gommaa konkolaataa, midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi’eessituu, foon sangaa buruundoo, hanqaaquu duudaa kan lukkuu, biyyaa keessaa fi kan lukkuu faranjii, gindillaa fi fuduraafi muduran calbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dhabbileen uulaagaa armaan gadiitti ibsaman guuttan dorgomuu ni dandeessu.
- Eeyyama hojii daldalaa kan haaromse, gibira waggaa kan kaffaleefi ragaa dhiyeessuu kan danda’u.
- Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiyeeffachuu kan danda’u.
- Ragaa VAT fi TIN dhiyeeffachuu kan danda’u.
- Tokkoon tokkoon kabachiisa caalbaasiidhaaf:-
- 4.1 Meeshaalee barreeffamaa, qarshii 20,000(Kuma digdama).
- 4.2 Dhiyeessii midhaan dheedhii nyaataaf oolu,mi’eessituu adda addaa, foon sangaa buruundoo fi kuduraa fi muduraaf 100,000 (Kuma dhibba tokko).
- 4.3 Meeshaalee elektirooniksii qarshii 10,000(Kuma kudhan).
- 4.4 Meeshaalee qulqullinaaf qarshii 10,000(Kuma kudhan).
- 4.5 Gommaa Konkolaataaf qarshii 5000 (Kuma shan) lakkofsa herregaa (Account No) Baankii Siinqee Waajjira Maallaqaa Godina Buunnoo Beddellee 1051865771217tti galii gochuun ragaa baankii (Bank Advice) dhiyeeffachuu kan danda’ufi dorgomaan calbaasicha erga mo’atee booda kabachiisa waliigaltee gatii meeshaalee mo’atee walii gala 10% qabsiisuu kan danda’u.
- Dorgomaan caalbaasicha mo’atee dhiyaatee waliigaltee mallatteessuuf fedhi kan qabu fi meeshicha guyyaa 15 keessattii baasii mataasaatiin hanga mana barumsaa bultii addaa sadarkaa 2ffaa Beddelleetti dhiyeessuuf fedhii kan qabu.
- Dorgomtichi meeshaa barbaadame baayinaa fi qulqullina isaa kan eeggate dhiyeessuuf dirqama qaba.
- Dorgomtootni midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi’eessituu, foon sangaa buruundoo, Hanqaaquu duudaa kan lukkuu biyya keessaa fi kan lukkuu faranjii, gindiilaa, fuduraaf muduraa, qulqulliinaaf sadarkaa isaa eeggatee kan dhiyeessu.
- Dorgomtootni midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi’eessituu, foon sangaa, gindillaa fuduraa fi muduraa amalaa dhiyeessii gaarii qabaachuu fi gatiin nyaata barataa 1(tokko) guyyaatti qarshii 120(dhibba tokkoof digdamaa) ol ta’u hin qabu.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa irratti mallattoo, teessoo fi chaappaa itti gochuudhaan sanada teknikaa ibsu poostaa tokkoo (1), sanada gatii ibsu Orijinalaa poostaa tokko (1) fi koppii poostaa tokko (1) waliigala poostaa sadii poostaa guddaa tokkoon saamsame dhiyeessuu qaba.
- Sanada caalbaasii dorgomamu gatii irratti haqaa fi laaqa kan hinqabne fi dubbifamuu kan danda’u ta’uu qaba
- Mo’ataan ergaa caalbaasiin kun banamee booda guyyaa 5(shanii) booda mana barumsaattii qaamaan argamuun waliigaltee mallatteessuu qaba.
- Mannii barumbaa baayina gaafatame 20% dabaluuf hir’isuuf mirga guutuu qaba.
- Calbaasichi guyyaa gaazexaa irrattii bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15 qilleensa irraa turuun gaafa guyyaa 16ffaa (Kudha jahaffaA) ganama sa’a 4:00tti cufamee sa’a 4:30tti banama.
- Mannii barumssaa filatamaa yoo argate caalbaasicha gartokkeenis ta’e guutummaan guutuutti ambisuu ykn haquuf mirgi isaa eegamaadha.
- Bakka sanadni itti argamu kutaa karooraaf baajataa Mana Barumsaa Bultii Addaa Sadarkan 2ffaa Beddellee ta’ee gatiin sanada tokkoo qarshii hin deebine 500 (Dhibba shan) Baankii Siinqee lakkoofsa herregaa 1075242071211 irratti kaffaluun bitachuu dandeessu.
- Ibsa dabalataa sanada bitattan irraa argattu.
Odeeffannoo dabalataaf Lakkoofsa bilbilaa:- +251478454577 OR Email: boardingschoolbedelle2014@gmail.com
P.O.Box:38
Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2 Beddellee